Paarkiin Shaggar Badhaasa bara Haaraa Itiyoophiyaaf Kennamee jedhan Pirezedaanti Saahilawarqi Zawudee

131

Finfinnee,Qaammee.5,2012(TOI)-Paarkiin Shaggar Badhaasa bara Haaraa Itiyoophiyaaf Kennamee jedhan Pirezedaanti Saahilawarqi Zawudee.

Paarkiin Shaggar Magaalaa Finfinnee gara sadarkaa itti aanuutti hojii ceesisu jedhan Pirezedaantii Saahilawarqi Zawudee.

Paarkonni bakka itti hojii sammuu hedduun hojjetamuu ta’uus himan. Paarkiin Shaggar bakka bashannanaa irra darbuun lammiilee hedduun carraa hojii akka argatan taasiseera.

Hojiin akkasii kun Magaalaa Finfinnee keessatti Cimee itti fufuu qaba.

Tokko tokkoon keenya kana irraa barannee Oddoo keenya miidhagsuutu nurraa eegamas jedhan.

Gara fuula duraatti hojii har’aa kana irraa barannee imala keenya badhaadhinaa milkeessuuf hojjechuu qabnas jedhan.kun immoo biyya akka biyyaatti misoomsaauufi lammii ishiitiif mijooftuu taate uumuuf nu gargaara.

Waldhiibuu dhiifnee tokkummaan yoo hojjenne gaarri hiyyuummaa nuti hiin diigne hin jirus jedhan.Lammiileen hojii ijaarsa Paarkii kanaa irratti hirmaattaniifii halkaniif guyyaa dhamaatanii hojii kana milkeessitan galatoomas jedhan.

Hoggansa Sirrii yeroo yerootti kennuun hojii miidhagaa kan xumursiiftanii Badhaasa bara Haaraa Itiyoophiyaaf Kennuu keessaniif Ministiirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad galata guddaa qabdu jechuun Pirezedaanti Saahilawarqi Zawudee ergaa isaanii dabarsanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015