Mootummaan Filisxeem dhaadhessummaa fi gocha shororkeessummaa Afriikaa miidhu ni balaaleffata -Mahimud Abbaas - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Filisxeem dhaadhessummaa fi gocha shororkeessummaa Afriikaa miidhu ni balaaleffata -Mahimud Abbaas

Finfinnee Guraandhala 3/2011 Mootummaan Filisxeem dhaadhessummaa fi gocha shororkeessummaa Afriikaa miidhu akka balaaleffatu pirezidaantiin filisxeem Mahimud Abbaas dubbatan.
Pirezidaantichi baniinsa wal ga'ii hooggantoota gamtaa Afriikaa 32ffaa irratti haasawa taasisaniin akka ibsanitti, gochi shororkeessummaa dhihoo kana Keeniyaarra ga'e kan balaaleffamudha.
Mootummaan Filisxeem gocha dhaadhessummaa fi shororkeessummaa magaalota Afriikaarrtti miidhaa geessisan kamiyyuu cimsee kan mormu ta'uu dubbataniiru.
Jijjiiramni dinagdee fi siyaasaa biyyoota Afriikaa hedduu keessatti taasifamaa jiru kan ajaa'ibsiifamudha jedhaniiru.
Aangoon karaa nagaa darbuun isaa fi filannoodhaan gara hooggansaatti dhufuun jalqabamuun isaa ijaarsa sira demokiraasii ardichaaf barbaachisaa ta'uu isaa eeranii, jijjiirama Itoophiyaa keessatti taasifameef Dr.Abiyyi Ahimad gara ministira muummeetti dhufuu isaaniitti akka gammadan ibsaniiru.
Hirmaannaa siyaasaa dubartootaa guddisuuf warraaqsi adeemsiifame bara Itoophiyaa itti aanuuf abdii kan kennedha jechuudhaan, paarlaamaa Ruwaandaa fi kaabinee ministirootaa keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf tarkaanfii fudhatames dinqisiifataniiru.
Mootummaan Filisxeem biyyoota Afriikaa waldeeggaruudhaan akka hojjetus mirkaneessaniiru.
Filisxeem quunnamtii laafaa Israa'eel waliin qabdu ilaalchisee biyyoonni lamaan walii galtee uumuuf waltajjii taasisan kamiyyuu keessa Ameerikaan akka hin seenne kan barbaadan ta'uu pirezidaanti Mahimud Abbaas ibsaniiru.
Karaa wal fakkaatuun baniinsa wal ga'ii kanarratti haasawa kan taasisan barreessaan olaanaa liigii Arabaa Ahimad Abul-Geet gamasaaniitiin, biyyoonni miseensa liigii Arrabaa biyyoota miseensotaa gamtaa Afriikaa waliin walitti dhihaatanii akka hojjetan dubbataniiru.
Rakkoo Liibiyaa jiru hiikuudhaaf liigichi hojjechaa akka jiruu fi nageenya egeree mirkaneessuuf gamticha waliin walitti dhihaachuun hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Haala nageenyaa nagaa fi tasgabbii biyyiioa kaaba Afriikaa ilaalchisees hojjechaa akka jiran addeessaniiru.
Bara 2020tti Afriikaa sagaleen meeshaa dhukaasaa keessatti hin dhaga'amne dhugoomsuuf tarkaanfii jalqabame deeggaruuf liigichi akka hojjetuu fi naannawa Saahilitti hojiiwwan waliin hojjetaman akka jiran eeraniiru.
Pirezidaantiin Mahimud Abbaasii fi barreessaan olaanaa liigii Arabaa Ahimad Abul-Geet, pirezidaantiin Ijibti Abdulfattaahi Alsiisii dura taa'aa gamtichaa kan bara 2019 ta'uusaanii gammachuu itti dhaga'ame ibsaniiru.