Afriikaanonni rakkoo dinagdee fi hawaasummaa hiikkchuuf tokko ta'anii hojjechuu qabu -Pirezidaanti Alsiisii

74

Finfinnee Amajjii 3/2011 Biyyoonni Afriikaa rakkoo dinagdee fi hawaasummaasaanii hiikuuf tokko ta'anii hojjechuu ala filannoo biraa hin qaban jechuun dura taa'aan gamtaa Afriikaa kan yeroo ammaa pirezidaantiin Ijipti Abdulfattaahi Alsiisii dubbatan.

Pirezidaanti Alsiisiin har'a Finfinneetti kan jalqabame wal ga'ii hoggantoota gamtaa Afriikaa 32ffaa irratti haasawa taasisaniin, "Afriikaa badhaate ijaaruuf humna namaa ga'aa waan qabnuuf biyyoota jidduutti invastimantii bal'isuudhaan abjuu Afriikaa dhugoomsuun ni danda'ama" jedhaniiru.

Hoggantoonni Afriikaa jireenya dargaggoota Afriikaa egeree fooyyessuuf itti gaafatama guddaa akka qabanii fi Ardii afriikaatti dargaggootaaf carraa hojii bal'aa banuudhaan dinagdee daldalaa guddisuun ni danda'ama kan jedhan Alsiisiin, "kana hojiitti jijjiiruudhaan qormaata qabnu darbuuf kutannoon hojjechuu qabna" jechuun hubachiisaniiru.

Bu'ura misoomaa biyyoota jidduutti babal'isuuf Pirojrktoonni jalqabaman jajjabaachuu kan qabanii fi wal deeggarsa biyyoota jidduutti jiru kan mul'isan waan ta'eef itti fufuu akka qaban dura taa'aan gamtaa Afriikaa kan yeroo hubachiisaniiru.

Guddina dinagdee nagaa waliinii fi wal deeggaru fiduuf kanneen irratti walii galle hojiirra oolchuudhaan waliin deemuu qabna" jedhaniiru.

Dura taa'aa gamtaa Afriikaa kan turanii fi kan gaggeeffaman pirezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee gamasaaniitiin, Afriikaatti kutaa daldala bilisaa uumuuf walii galtee taasifame biyyoota raggaasisan galateeffataniiru.

Amma ammaatti kutaan daldala bilisaa biyyoota miseensota gamtichaa 44n fudhatama kan argate yoo ta'u, biyyoota 19n raggaasifamee hojiitti hiikuuf eeyyama biyyoota 22 gaafata.

Kanaaf, biyyoonni walii galticha hin raggaasifne amma danda'ametti hatattamaan walii galticha Pool Kaagaameen waamicha dhiheessaniiru.

Yaalii bardheengaddaa taasifameen kutaalee biyyoota addunyaa biroo waliin quunnamtii wal deeggarsaa cimaa uumuun danda'ameera, kun ammoo fuulduraafis cimee itti fufa jechuun ibsaniiru.

Fandii nageenyaa biyyoonni miseensa gamtaa Afriikaa uumuuf yaadaniif qabeenya walitti qabuuf sochii taasisaniin amma ammaatti biyyoonni miseensotaa 15 doolaara miiliyoona 98 buusuusaanii eeranii, wal deeggaruun jiraannaan ardii Afriikaa keessa humni akka jiru agarsiisa jedhaniiru.

Kaagaameen akka jedhanitti, hojii nagaa eegsisuu Afriikaadhaan hoogganamuuf qabeenya egeree horachuun haala danda'amurratti dhaabbata mootummoota gamtoomanii waliin quunnamtiin wal deeggarsaaf taasifamu cimee itti fufa.

Dhiheenya kana wal falmitoota rippaabiliikii Afriikaa giddu galeessaa jidduutti walii galteen nageenyaa tasifame kan dinqisiifatan Kaagaameen, kun akka dhugoomu biyyoota miseensotaa ga'ee isaanii ba'an galateeffataniiru..

Barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez gamasaaniitiin, nagaa fi tasgabbiin, akkasumas jijjiiramni haala qilleensaa qormaata ardii Afriikaa kan yeroo ammaa ta'uusaanii wal ga'ii hooggantoota gamtichaaf ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015