Paartiileen Siyaasaa Ajandaa naannoorraa dhimmoota waligaltee biyyaalessaa uuman irraatti xiyyeeffachuu qabu jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Paartiileen Siyaasaa Ajandaa naannoorraa dhimmoota waligaltee biyyaalessaa uuman irraatti xiyyeeffachuu qabu jedhame.

Finfinnee, Qaammee, 04,2012(TOI)- Itoophiyaan bara haaraa simaachuuf kan jirtu yoo ta’u, bara 2012tti gama Siyaasaan taateewwaan garaagaraa kessummessitee jirti.
Badhaasa Noobeli Ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimad, marii hidha haroomsaa fi sirna guutinsa bishaani marsaa jalqabaa hidha haroomsa Guddichaa Itiyoophiyaa,Ashaaraa Magaarisaa,walitti bu’insa fi rakkoo nageenyaa akkasumas buqqaatiin namoota taateewwan gurguddoo bara darbee kana keessa mudataniidha.
Hundeessaa 'Paartii Raa'iyyii Itiyoophiyaa' duraani kan ta’an obbo Tashaalaa Sabroo Itiyoophiyaan bara xumuraa jirtu kanatti taateewwan gaarii fi badaa kessummeessuu himaniiru.
Qormaatawwaan mudatan ilaalchisee hawaasni tokkoo ta’un biyyaatti itti fufsisuu danda’uun milka’ina guddaa bara kana ta’uus himaniiru.
Sirni guutinsa bishaani marsaa jalqabaa hidha haroomsaa ,piroojektoonni Finfinneetti ijaaramaa jiranifi dhiibbaa weerarri Vaayirasii Koroonaa qaqqaabsisee irraa dandamachuuf tarkanfiwwaan fudhataman bu’a qabeessaa akka turanis himaniiru.
Bara 2013 paartiileen siyaasa Ajaanda naannoorraa dhimmoota waligaltee biyyaaleessaa uumu danda’an irraatti xiyyeeffannan hojjachuu akka qaban obbo Tashaalaan himaniiru.
Lammiileenis miiraan osoo hin ta’in sababa irratti hunda’uun gaaffii qaban kara seera qabeessa ta’en gaafachuu qabuu kan jedhan obbo Tashaalaan, Ajandaa humnoota badiis fudhachuu hin qaban jedhaniiru.