Sirni Gadaa waan hunda ittiin jiraachuun nurraa eegama-Obbo Shimallis Abdisaa

194

Finfinnee, Qaammee.3,2012(TOI)-Bu’aa sammuu Uummata Oromoo kan ta’e Sirni Gadaa yeroo itti eegaleefii addunyaan har’aa kan baay’ee walgatani jedhan Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Sirni Gadaa waggaa 328 dura yeroo tumamu addunyaan eessa akka turte hin beektu ture jedhan.

Ilaalchi Sammuu Akaakileefii Abaabilee keenyaa sirna kana uumee Oromoof kennuun isaa Oromoon mara kan ittiin boonu.

Sirni Gadaa Oromoo Waggaa 40,qopheessee waggaa 8 qofa akka bulchuuf eeyyama.

Walakkaa yeroo turtii isaatti hanqinaafii Cimina jiru qoratee sirreeffama kennuun kallattii kaa’a kana kan qabu Sirna Gadaa qofa.

Sirna Gadaa irratti hojii gara garaa hojjetameen Sirna Gadaa Sirna Barnootaa keessa galchuun murteessaa ta’ee jira.

Kitaabileen barnootaa qophaa’ee manneen barnootaa gara garaatti raabsamaa jira.

Mannii murtii waliigala Oromiyaa Sirna Gadaa Oromiyaatiin dubbii ilaalu bara 2013 ni hundaa’a.

Sabboonummaan hojii qabatamaa duudhaa Oromummaan dubbii ilaaluudha.Mootummaan naannoo Oromiyaa Oromummaa gabbisuuf hojii walirraa hin citne hojjeta.

Sirna Gadaa irraa kan arganneen hojii tajaajila lammuumman akka naannoo Oromiyaatti waggaa tokko keessatti Misooma gurguddoo hojjetameera.

Daree barnoota,dabalataa,dadhabaa gargaaruufi kan kana fakkaatan.

Sirnaan sabaafi dhaloota ijaaruun murteessadha.nama dhuunfaa ijaaruu osoo hin taane sirna ijaaruun Oromoo ijaaruudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas Sirna Gadaa irraa barachuun sadarkaa naannoo irraa hanga gandaatti sirna cimaa ijaaruuf hojjechaa jira.

Sirna jabaa qabaachuun Oromoofii Oromummaa ceesisuu danda’a .kana immoo Duudhaa Sirna Gadaa irraa fudhanna jedhan.

Sirni Gadaa waan hunda .ittiin jiraachuun nurraa eegama.Boorana keessatti misooma hedduutu barbaachisa,lafa dheedumsaa daangessuu,bishaan haroofii neetiwoorkii Booranaa akka xumuramu gochuudha.

Daandii konkolaataafi Xiyaaraa eegallee jirru cimsinee itti fufna.
Boordiingi School' 7 akka Oromiyaatti murtaa’e keessa tokko Booranatti ijaarama.Nammini hunduu jireenya isaa fooyyeessuuf hojjechuu qaba .maatiin tokko tokkoon Oromoo of jijjiiruu akka qabu Oromoo mara irratti labsamuu qaba.

Oromoon diinagdeen akka ofdanda’uuf hojjetamuu qaba.
Ergaan Nageenyaa ,Ministiira Muummee Dr.Abiyyi Irraa hawaasa Booranaatiif dabarsanii jiru.

Barri 2013 kan ganaa kan gammachuufi kan badhaadhinaa akka ta’u Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa Hawwii qaban Ibsanii jiru jedhee kan gabaase OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015