Dooktar Mulaatuu Tashoomaa Preezdaantii Sudaan Kibbaa Salvaakiir waliin marii’atan

70

Finfinnee, Qaammee 3/2012 (TOI) – addaa Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi Preezdaantiin FDRI duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomaa Preezdaantii Sudaan Kibbaa Salvaakiir waliin marii’atan.

Marii Sudaan Kibbaa Juubaattii gaggeeffameen fedhii biyyoota lameenii bifa guuteen dandii fi elektirikii dabalatee dhimma proojaktoota bu’uuraalee misoomaa biroo irratti marii’ataniiru.

Ergamaan addaa Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi Preezdaantiin Itoophiyaa duraanii  Dooktar Mulaatuu Tashoomaa marichaan booddee proojaktoota bu’uuraalee misoomaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa gidduutti gaggeeffamu galma akka ga’uuf akka hojjetamu beeksisaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Preezdaantummaa Sudaan Kibbaa Nihiiyaan Danginhiiyaal marichaan walqabatee ibsa laataniin proojaktii daandii Gambeellaa-Akooboo-Boor dhimmoota waliin hojjechuu danda’anirratti waliigalteerra ga’uuf Ministeerri Daandii fi Riqichootaa Sudaan Kibbaa gita isaanii garee teekniikaa Juubaa akka ergan beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015