Guyyaan waliinii magaalaa Finfinneeti kabajamaa jira

62

Finfinnee  Qaammee 2 , 2012(TOI)  -  Guyyaan waliini Magaalaa Finfinneeti sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Guyyaan kun “Anii lammii koof ” dhaaddannoo jedhuun kabajama kan jiru yoo ta’uu kantibaa Itti aantuun Magaalaa Finfinnee aadde Adaaneechi Abeebee jiraattoota mana jireenya waliinii Tsiyoon kutaa Bulchiinsa Guulallee waliin sochii qaama ‘Ispoortii Maasii’ taasisuun sagantaan kun eegalameera.

Aadde Adaaneechi Abeebee guyyaa waliinii kanatti waliin taanee sochii qaama taasisuun keenya misooma magaalaa keenyaaf tokkummaan waliin taanee akka hojjenuuf nu taasisaa jedhan.

Jiraattoonni Magaalaa kanaa wal-wajjiin ta’uun bara haaraa kana abdiifi gammachuun akka simataan jechuu aadde Adaaneechi eergaa isaanii dabarsaniiru.

Kabaja guyyaa kana irratti aadde Adaaneechi mana jireenya waliinii keessaa jiraattoota jireenya gadii aanaa keessa jiraataniif kennaa ayyaanaa kennaniiru.

Akkasumas barattootaaf immoo kitaabilee dabalataafi kaardii eergaa baga geessanii qabu kennaniirufi.

Magaalaan Finfinnee daabboo kuma 700 kaffaltii malee kennuuf akkuma waadaa seene ture har’a Ganama dabboo kuma 4 ol kutaa Bulchiinsa Magaalichaa hundaaf kan raabse yoo ta’u sagntaan kun qophiilee adda addaan kan kabajamu yoo ta’u kutaa Bulchiinsa Yakkaafi Guulaleetti sagantaan maaddii qoodachuu aadde Adaaneechiin raawwatamaa jira. Maddi waajjira piress sekreteraatii waajjira kantiibaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015