Dhalootnii Aadaaf Duudhaa ittiin dhalate Kunuunsuu qabaa jedhame

Finfinnee Qaammee 1/2012(TOI) -Dhalootnii Aadaaf Duudhaa ittiin dhalate Kunuunsuu qabaa jedhan Gareen Agarsiisaa Aadaa Booranaa.

Gumiin Gaayootti sirni Agarsiisa adda addaa geggeeffameera. Gumiin agarsiisaa Aadaa kun Godina Booranatti dhiyoo tana hundaa'e. Kaayoon garichii hundaa'eef dhalootii Aadaa isaa ganamatti deebisuu,akkasuma Aadaa Booranaa Adunyyatti beessisuuf yaadamet.

Yeroo dhalootnii Aadaa isaa irranfate gamaaf gamanatti dadaqaa jirutti, Gumii Agarsiisa Aadaa akkanaa hundaa'uun Aadaa fi Eennummaa ofii Addunyaatti beeksisuuf qooda olaanaa akka qabu OBN imaltuusaa Gaayootti qajeeleen taajabe jira.

Qarree, Qeerroo, ka fuudheef kan hin fuudhin Sirna Aadaa keessaattii wanti Aadaa godha waan eddu jira. Gamiin Agarsiisa Aadaa kunneenis ,Wantoota Dubra hin heerumiin fi eerumte , qeerroof ka dhibii Aadaa uffannaa isanii wanti adda godha jiraachuu himan.

Haala uffanna irrattis dhalootii ammaa ofi eeggachuu qabas jedhan. Itti gafatamtuun Wajjira Aadaaf Turiizimii Godina Boorana Addee Xuunnalee Godaanaa hojiiwwaan dhaloota Aadaasaa barsiisuuf gareen agarsiisa Aadaa hundaa'e hojjachaa jiru waan jajjabeeffamuu qabaa ta'uu himan.

Kanaafis tumsii nama kamiituu murteessaa ta'us akeekan. Abbaan Gadaa Booranaa Abba Kuraa Jaarsoolleen Kaayyoon Gumiin Gaayyoo hundeeffamtefis dhaalootii Aadaasaa akka hin irranfanne qaabsisuuf warra hin beennes barsiisuuf waan ta'eef gumaacha guddaa qaba jedhan.

Gumiin Agarsiisa Aadaa kun agarsiisa kana yeroo lammaaffaaf dhiyaassaa jira. Gumiin Gaayoo immoo Mariisaa Miiloo fi Gosaa Gaayootti taa'a ture, Gumii Waliigalaaf dhi'eessuuf jedhame.
OBN wabeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015