Manneen murtii bajaata bara darbeetin galmeewwan kuma dhibba 1 fi kuma 40f murtoo laatan

56

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (TOI)- Manneen murtii bajaata bara darbeetin galmeewwan kuma dhibba 1 kuma 40f murtoo laataniiru.

Manneen murtii waliigala yaa’ii idilee 5ffaa Finfinneetti gaggeessaa jiru.

Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii, gabaasa dhiyeesaniin bajaata bara darbeetin galmeewwan kuma dhibba 1 kuma 40tti murtoon laatameera jedhan.

Dabalataniis hojiin fooramii manneen murtii waliigala gaggeefamu ibsuun, manneen murtii naannolees fooramichaa keessa jiraachuu dubbataniiru.

Bara kana weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf manneen murtii gariin banaa taasisun tajaajjilli murtii kennamuu beeksisaniiru.

Yaa’ichaan dhimmoota mana hojichaa fi manneen murtii hojii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjeetan ni ilaallama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015