Kitaabni waa’ee dinagdee itoophiyaa dubbatuu fi Oksifoorditti qophaa’e dubbiftootaaf dhihaate

1889

Finfinnee Guraandhala 2/2011 Kitaabne yuunivarsiitii Oksifoorditti qophaa’ee fi waa’ee dinagdee qabatee ba’e (The Oxford Handbook of The Ethiopian Economy)  dubbistootaaf dhihaate.

Kitaabichi sirna mootummoota Itoophiyaa sadan darban imaammata dinagdee jijjiirama caasaa Itoophiyaa ilaalchisee ibsa bal’aa of keessatti qabateera.

Kitaabichi tiraanisfoormeeshinii misooma qonnaa baadiyyaa, faayidaa imaammata industirii fi babal’achuun magaalaa guddina industiriif ga’ee waliin qaban ilaalchisees of keessatti qabateera.

Jijjiiramoonni caasaa damee hawaasummaarratti faayidaan isaan qabanii fi milkaa’ina dinagdee Itoophiyaa biyyoota Afriikaa birootiinis attamitti muuxannoon irraa akka itti fudhatame dhihaateera.

Gorsaan addaa ministira muummee fi kitaabicha kangulaalan Dr. Arkabee Uqubaayi kitaabicha qopheessuuf egzibiishinii fi waltajjiin marii hedduun akka adeemsifame kaasaniiru.

Kitaabicha kan barreessan kutaalee barnootaa addaddaarraa kan walitti baba’an hayyoota yunivarsiitii Finfinnee dabalatee yunivarsiitii biyya alaatti kan barsiisanii fi hayyoota qorannoo fi qu’annoo hedduu adeemsisan keessatti hirmaananiiru.

Kitaabichi barattoota yunivarsiitiif, hayyootaa fi qorattoota birootiif dinagdee Itoophiyaa ilaalchisee beekuuf akka sanada rifaransiitti ni gargaara jedhameera.

Itti gaafatamaan kutaa maxxansaa yunivarsiitii Oksifoordi Addaam Siwaaloo kitaabichi waggoota shaniif ofeeggannoodhaan qorannoon taasifamee gulaalliin bal’aan taasifameefii maxxansaaf qaqqabeera jedhaniiru.

Adeemsa arti ootii duraatiin yunivarsiitichi ogeessota gorsitoota biyya alaa damee kanaa kan ta’aniin erga ceepha’amee booda hayyoota yunivarsiitichaatiin ofeeggannoodhaan gulaalamee maxxanfamuusaa hubachiisaniiru.

Yunivarsiitichi dinagdee ilaalchisee Afriikaatti biyya tokko qofarratti irratti xiyyeeffatee kitaaba yoo maxxansiisu kun kan jalqabaa ta’uu kan ibsan itti gaafatamaan kun, kunis kan ta’e guddina Itoophiyaan galmeessiftee fi dinagdee  addaa hordoftuuni jedhaniiru.

Kutaa jaa’atti qoodamee boqonnaa 50 qabachuudhaan fuula 901 kan qabu kitaaba kana, hayyoonni 70 barreessuurratti hirmaataniiru.

Kitaabicha yunivarsiitii jiddu galeessa qorannoo Afriikaatti hayyichi piroofeeser Faantuu charuu, gorsaan addaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dr. Arkabee Uqubaayii fi Yunivarsiitii Landanitti piroofeesarri misooma siyaas-dinagdee Kiriistoofer Kaaraameeriin gulaalameera.

Kitaabichi yunivarsiitota tokko tokkoo fi dhaabbilee qorannootiif tolaan kan raabsamu yoo ta’u, namoota duunfaan bituu barbaadaniif birrii kuma 2 fi dhibba 840n gabaaf dhihaateera.