Lammiilee Arsii Lixaa fi Shawaa Bahaa irraa buqqa’aniif deeggarsi birrii miliyoona 27.5 olitti shalagamu taasifame

97

Finfinnee Hagayya 28/2012(TOI)- Lamiilee godina Arsii Lixaa fi Shawaa Bahaa irraa buqqa’aniif deeggarsi meeshaalee birrii miliyoona 27 fi kuma 500 shallagamu taasifamuu manni mare bakka bu’oota uummataa beksise.

Deegarsi meeshaalee kun magaalaa shashamannee fi baatuttu kan tasifame yoo ta’u lammiilee godinoota lamaan keessaa buqqa’an kanneen birofisi jedhame.

Deegarsichi ajjefamuu Artist Haacaaluu Hundeessaa booddee rakkoo uumameen namoota mana isaanii irraa buqqa’anifi.

Deegarsichi nyaataa fi uffata yoo ta’u birrii miliyoona 27 fi kuma 500tti tilmammama.

Afayaa’ii itti aantuun mana mare bakka bu’oota uummataa aadde Shittaayee Minaalee mootummaan olantummaa seeraa kabachiisuuf kutannoon hojjetaa jira jedhan.

Biya keenya tarree biyyoota guddataniin gahuuf rakkoo keenya karaa qaroomeen hiikuu qabnas jedhan aadde Shitaayeen.

Bulchaa itti aanaan godina Arsii lixaa obbo Kadiir Elemoo gochi raawwatame uummata oromoo kan hin ibsinee fi namoota buqqa’an deebisaanii dhaabuuf sochiin godhamaa jiras jedhan.

Maaddi : waajjira mana mare bakka bu’oota uummataa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015