Afriikaatti rakkoon humnaan buqqifamuu hoggantoonni ardittii dhaabuu yoo hin dandeenye ajandaan 2063 galma ga'uu hin danda'u- Minattaa Samatii

88

Finfinnee Guraandhala 1/2011 Rakkoo humnaan buqqa'uu Afriikaatti mul'atu dursanii hubachuudhaan dhaabuun yoo hin danda'amne ajandaan 2063 kan jedhamu ajandaa misooma ardittii milkeessuun akka hin danda'amne gamtaa Afriikaatti komishinariin dhimmoota siyaasaa ibsan.

Hoggantoonni ardittii fi gamtichi barri faranjootaa 2019 "furmaata fufiinsa qabu Afriikota humnaan buqqa'aniif baqattootaa fi baqannaa kan deebi'aniif" akka ta'u baatii Adoolessaa 2010 yaa'ii Mooriitaaniyaatti adeemsisaniin murteessaniiru.

Yaada kanarratii kan xiyyeeffate wal ga'iin hojii raawwachiiftuu gamtichaa 34ffaan Amajjii 30/2011 Finfinneetti eegalameera.

Gamtaa Adriikaatti komishinariin dhimmoota siyaasaa adde Minaataa Saamaatii Sesoomaa Guraandhala 1/2011 ibsa kennaniin, hoggantoonni afriikaa rakkoo humnaan buqqifamuu ardittiitti mul'atu dursanii hubachuun dhaabsisuu yoo hin dandeenye ajandaa 2063 milkeessuu hin danda'an.

"Badhaadhina qindoomina lammiisheetii fi Afriikaa nagaa qabeettii waltajjii addunyaa jijjiiramaa keessatti bakka buusuuf fedhii qabna" jedhaniiru.

Ardittii Keessatti humnaan buqqa'uu kan itti fufsiisan wantoota baay'ee hubacchuu barbaachisa kan jedhan komishinarittiin keessumaa boodatti hafummaa, haqa dhabdummaa, hiyyummaa, saala dabalatee wal madaaluu dhabuu dhiiraa fi dubartii jidduutti jiru garaa garummaa wal dandeessisuu dhabuu bulchuu dhabuu kan eeramanidha.

Akkasumas walitti bu'iinsa siviilotaa, mirga sarbuu, baqattummaa, badiiwwan bulchiinsaa, balaa uumamaa, jijjiirama haala qilleensaa fi gogiinsaa, shororkeessummaa fi dhaadhessummaa, qabeenya uumamaa sirnaan bulchuu dhabuu fi malaammaltummaan humnaan buqqifamuuf sababa akka ta'an hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa ummata Afriikaa keessa jiraatu keessaaruubii ol kan ta'u  humnaan kan buqqa'ee fi namoonni miiliyoona 6.3 ammoo baqattootaa fi hirkattummaa kan barbaadan yoo ta'u, miiliyoonni 14.5 ammoo buqqaatota biyya keessaa akka ta'an ibsaniiru.

Gamtaan Afriikaa walitti bu'iinsa ittisuuf xiyyeeffannaa kennee hojjechaa yoo jiraates ardittiitti cinqii kan ta'e humnaan buqifamuu  hanbisuudhaan fuulduratti deemuuf tarsiimoowwan shan akka barbaachisan eeraniiru.

Duraan dursa gamtichii fi biyyoonni miseensa gamtichaa waliin hojjechuu, hawaasonni dinagdee kutaa kutaa ardichaa, deeggartoonni misoomaa fi namoomaa dursanii ofeeggachiisuurratti bal'inaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

Mallattoowwan walitti bu'iinsaa wayita mul'atan battalatti jidduu galuudhaan rakkinichi akka hin babal'anne tarkaanfii fudhachuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Biyyoonni miseensa gamtichaa akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1969 gamtaan Afriikaa kan baase deeggarsa namoomaa baqattootaa dabalatee bara 2009 konveenshinii gamtaa Afriikaa imaammata biyyaa fi seerotatti dabalee mallatteessuu fi raggaasisuu qabu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015