Mannii murticha ragalee shakkamtoota galmee obbo Jawar Mohamaad jalatti argamanii irratti dhihaatan dhaggeffachaa jira

76

Finfinnee, Hagayya.27,2012(TOI)-Manni Murtii sadarkaa jalqabaa Araadaa shakkamtoota galmee obbo Jawaar fa'a jala jiran ragaalee qorannoo dursaa har'a dhageeffataa jira.

Manni murtichaa oolmaa dhaddachaa hagayyaa 26 bara 2012 tiin ragaalee 4 kan dhageeffate yoo ta'u ragaan 4ffaa fi hafan biroo waan hin xumuramneef hagayyaa 27 bara 2012 tti beellamamee ture.

Ragaa 4ffaa irratti kaleessa gaafiin qaxxamuraa waan hin dhagayamneef har'a dhagayamaa jira.

Shakkamtoota keessaa gaazexeessaa Hamzaa Adaanee miidiyaaleen akka 'fitihi matset' fi miidiyaaleen hawaasaa maqaa nu balleessaa jiruu,maatiin keenyaas sababa keenyan miidhama jira jechuun mana murtichaatti himateera.

Manni murtichaas himata obbo Hamzaan dhiheeffatan ilaalchisee, midiyaaleen jedhamaan maal akka jedhan waanni bal'inaan ibsaame waan hin jirref tarkaanfii fudhachuu hin dandanye debisera.

Abuukattoon shakkamtootas kaleessaa shakkamtoonni laaqaa osoo hin nyaatiin olaan. har'as as oluu yoo ta'ee shakkamtootaf laaqanni haa dhiyaatuu jechuun dhaaddachisatti iyyataniru.

Iyyataa abuukattonni shakkamtoota dhiffatan ilaalchisuniis poliisiin akkatuma kaleessa manni murtii ajajeen maatiin himatamtoota nyaata akka shakkamtootaf dhiihessan tasisuu mana murtitti himeera.

kan kana godheefis tutuqaa hir'isuufi nyageenya shakkomtootaf akka ta'ee poliisiin mana murtiif ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015