Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan birmadummaa fayyaa ishee mirkaneessuuf tattaaffiin taasiftu biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenya ta’uu ibsameera

Sadaasa 19/2019 (ENA): Itiyoophiyaan birmdummaa fayyaa ishee mirkaneessuuf tattaaffiin taasiftu biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenya ta’uu Ministirri Fayyaa Zaambiyaa Piroofeesar Roomaa Chilaangii ibsaniiru.

Mariin Ministiroota Fayyaa Afrikaa kun labsii Nageenya Fayyaa Naayiroobii fi Hordoffii Dhibee Walta’iinsaa Afrikaa waliin walsimuun Finfinneetti kan gaggeeffame yoo ta’u; kaayyoon isaas hirmaannaa dhaabbilee hawaasa siivikii qophii weerara dhibee fi hordoffii walta’iinsaa keessatti qaban cimsuuf ta’uu ibsameera.

Waltajjii marii kana irratti Ministiroonni Fayyaa Biyyoota Afrikaa adda addaa fi bakka bu'oonni dhaabbilee idil addunyaa argamaniiru.

Ministirri Fayyaa Zaambiyaa Piroofeesar Roomaa Chilaagii ENA waliin turtii taasisan akka jedhanitti; Mootummaan Itoophiyaa tajaajila fayyaa hawaasaa babal’isuun bu’aa dinqisiisaa galmeessisuu akka danda’edha.

Keessattuu dandeettii dhaabbilee fayyaa fooyyessuu, du’a haadholii hir’isuu fi kenniinsa tajaajilaa kalaqa haaraatiin fooyyessuu irratti guddinni qabatamaan akka argame hubachiisaniiru.

Itoophiyaan sagantaalee fayyaa mataa ishee hoogganuu fi gumaacha qooda fudhattootaa karoora tokko jalatti walitti makuu irratti sadarkaa olaanaa irra akka geesse hubachiisaniiru.

Tajaajila fayyaa sadarkaa duraa keessatti dhimmoota dursa kennaniif qabeenya biyya keessaa sirnaan itti fayyadamuun jijjiirama qabatamaa fidaa jira jedhan.

Akkasumas tooftaaleen jalqaban qabatamaan bu’a qabeessa ta’aa akka jiran himaniiru.

Itoophiyaan birmadummaa fayyaa ishee mirkaneessuuf hojiiwwan raawwachaa jirtu biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenya ta’uun akka tajaajilu ibsaniiru.

Itoophiyaan tattaaffii haaromsaa itti fufiinsaan damee fayyaa irratti raawwatteen hubachuu akka dandeesse hubachiisuun; karaa Sagantaa Eksteenshinii Fayyaatiin tajaajila fayyaa hawaasni tajaajila fayyaa argachuu danda’eera jedhani.

Lammiileen rakkoo maallaqaa tokko malee wal’aansa akka argataniif sirna fayyaa hawaasa bu’uura godhate babal’isuun tarkaanfii galateeffamuu qabu ta’uu eeraniiru.

Dhiyeessii qorichaa ammayyeessuun alatti, biyya keessatti qorichaafi dhiyeessii meeshaalee yaalaa oomishuun hirkattummaa biyya alaa hir’isuuf tattaaffiin taasiftu kan dinqisiifamu ta’uu hubachiisaniiru.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015