Tamsaasa Kallatti:

Konfiraansii gurguddaa ardiilee fi idil-addunyaa bu’a qabeessa ta’een keessummeessuu akka dandeenyu qabatamaan agarsiifneerra - Kantiibaa Adaanech Abeebee

Sadaasa 19/2019 (ENA): Konfiraansii gurguddoo ardiilee fi idil-addunyaa bu’a qabeessa ta’een keessummeessuu akka dandeenyu qabatamaan agarsiifneerra jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin; Akka biyya keenyaattis ta’ee akka magaalaa keenya Finfinneetti, seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaatiif konfaransii guddaa hirmaattonni kuma 30 ol irratti argaman gahumsaan keessummeessiteetti jedhani.


 

Hirmaattonni kuma 30 ol ta'an kunniin guyyoota 6 walitti aananiif galma keessatti qofa osoo hin taane, bakkeewwan adda addaa magaalaa keenyaa keessa naanna’uun daawwataniiru jedhani. Guyyaa qofa osoo hin taane, galgalaa fi halkaniinis daandiiwwan Finfinnee irra bilisummaan naanna’aa yeroo bashannanan argineerra; isaaniis dinqisiifannaa magaalaa keenyaaf qaban ibsataniiru jedhani.

Kanaaniis konfaransiiwwan gurguddoo ardii fi addunyaa gahumsaan keessummeessuu akka dandeenyu hojiidhaan agarsiisneerra jedhani.

Kanaafuu, konfaransii guddaa kana kan qopheesse Afrikaa CDC onnee irraan galateeffadha. Akkasumas konfaransicha adda durummaan kan qindeessen Ministeera Fayyaa; dabalataanis keessummoota simachuu fi keessummeessuun, geejjibaan, hoteelaan, bishaaniin, ibsaadhaan, tajaajila galmaatiin, nageenyaan, daawwachiisuun, qulqullinaa fi dameewwan birootiin dhaabbilee fi hoggantoonni hojii hirmaatan hundi galata guddaa argachuu qabu.

Milkaa’inni kun Finfinneen qophiiwwan gurguddoo addunyaa gahumsaan, qulqullinaa fi itti gaafatamummaadhaan keessummeessuu kan dandeessu ta’uu ishee hojiidhaan kan mirkaneesseedha jedhaniiru.

Yeroo jalqabaatiif hirmaattota kuma 30 ol gahumsaan keessummeessineerra; bara dhufuus yaa'ii COP32 irratti hirmaattota kuma 100 ol gahumsaan fi qulqullinaan keessummeessuuf qophaa’aa jirra.


 

Ammaa jalqabnee xiyyeeffannoo addaa haa kenninu; hojiiwwan harka keenya irra jiran yeroon, qulqullinaa fi gahumsaan haa raawwannu. Carraa guddaa kana haala kamiinuu osoo hin qisaasessin, keessummaa simachuu Itoophiyaa, dandeettii kalaqaa fi cimina hojii keenyaa addunyaatti carraa guddaa ittiin agarsiisnu hojiidhaan haa milkeessinu jechun ergaa dabarsaniiru.

COP32 qophii addunyaa guddaa bu’a qabeessa, kan hin irraanfatamnee fi dandeettii Itoophiyaa agarsiisu taasisuuf, har’a cimnee haa hojjennu. Addunyaas magaalaa guddittii keenya keessatti haa keessummeessinu; Itoophiyaas boonaan haa agarsiisnu jedhani.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015