Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa gamoo miidiyaa ittisaa ijaarsisaa xumuramaa jiruu daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa gamoo miidiyaa ittisaa ijaarsisaa xumuramaa jiruu daawwatan
Sadaasa 18/2019 (ENA)- Itaamaajoor Shuumii walii galaa humnoota waraanaa FDRI Fiildi Maarshaaliin Birhaanuu Juulaa gamoo kompileeksii miidiyaa ittisaa ijaarsisaa haaraa xumuramaa jiruu daawwataniiru.
Itaamaajoor Shuumii walii galaa humnoota waraanaa FDRI Fiildi Maarshaaliin Birhaanuu Juulaa gamoo kompileeksii miidiyaa ittisaa haaraa Jaan meedaatti ijaarsisaa xumuramaa jiruu daawwataniiru.
Gamoon kompileeksii miidiyaa ittisaa Amajjii bara 2017 ijaarsisaa eegalame xumura baatii kanaa akka xumuramuu fi adeemsa ijaarsa gamoo kanaa ilaalchisuun hoggantootaa fi kontiraaktarootaan ibsi kennameera.
Yeroo ijaarsi gamoo kanaa eegalamee kaasee amma ammaatti ogummaa gorsaa fi deeggarsa garagaraa taasisaa kan jiran ogeeyyotaa fi dhaabbilee miidiyaa teeknooloojii ENA, EBC, Faanaa fi OBN galateeffataniiru.
Gamoon miidiyaa ammayyaa kun ijaaramuunsaa bakka hojii mijataa uumuun gamatti miidiyaan dhaabbatichaa miidiyaalee arfaniinuu halkanii fi guyyaa osoo addaan hin citiin madda oduu amanamaa ta’ee hojjechuuf yaadamee ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, dhuma baatii kanaatti ni xumurama.
Mahaandisiin to’ataa pirojektichaa Injiinar Addaam Baqqalaa gamoon miidiyaa abbaa darbii sadii istuudiyoo ammayyaa shan dabalatee kutaalee fi gurmaa’insa dhaabbanni miidiyaa tokko qabaachuu qabu hammatee ijaaramuusaa dubbataniiru.
Pirojektii kana kan gaggeessu wiirtuu tajaajila walii galaa ittisaa yoo ta’u, gorsaan pirojektichaa ammoo konistiraakshinii ittisaa fi dhaabbata diizaayinii ti.