Ulaa galaanaa argachuun Itiyoophiyaaf maaliif dirqama ta'e? - ENA Afaan Oromoo
Ulaa galaanaa argachuun Itiyoophiyaaf maaliif dirqama ta'e?
Fedhii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf qabduu fi bu'uuraalee seenaa, seeraa akkasumas teessuma lafaa ilaalchisee ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad waltajjiiwwan adda addaa irratti ibsa kennaniin, dhimmi ulaa galaanaa kun jiraachuu biyyaaf, guddina dinagdee fi nageenya naannawaa mirkaneessuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti bara dheeraaf fayyadamtuu fi abbaa ulaa Galaana Diimaa taatee turuu ishee galmeewwan seenaa ni agarsiisu. Haa ta'u malee, jijjiirama siyaasaa bara 1983 A.L.I. uumamee fi foxxoquu Eertiraa hordofee, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabdee addunyaa irratti biyya baay'ina ummataa olaanaa qabduu fi ulaa galaanaa hin qabne taateetti.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota mana maree bakka bu'oota ummataa fi waltajjiiwwan marii adda addaa irratti haasaa taasisaniin, baay'inni ummata Iiytoophiyaa miliyoona 130 ol ga'uu isaa fi waggoota kurnan dhufan keessatti gara miliyoona 150tti akka guddatu eeruun, biyya ummata kana qabdu ulaa galaanaa malee tursuun akka hin danda'amne dubbataniiru. Teessuma lafaatiinis Itiyoophiyaan qarqara Galaana Diimaa irraa fageenya dhihoo irratti argamuu ishee, dhimmi kun haqa qabeessa akka ta'u kan taasisu ta'uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuu isheetiin kan ka'e waggaa waggaan kaffaltii kiraa buufataa fi tajaajila geejjibaatiif sharafa alaa biiliyoonaan lakkaa'amu baasti. Ulaa galaanaa dhabuun rakkoo dinagdee, nageenyaa fi birmadummaaf saaxilu irra darbee, dorgomtummaa daldala alaa fi keessaa ni daangessa. Keessattuu biyyattiin imala badhaadhinaa milkeessuuf ulaa galaanaa mataa ishee argachuun dirqama.
Dabalataanis, naannoon Galaana Diimaa fi Garba Hindii dorgommii ji'oo-poolitikaa humnoota gurguddoo addunyaa ta'aa dhufuun isaa gama nageenyaatiin walqabatee rakkoo kan qabudha. Itiyoophiyaan naannichatti gahee barbaachisaa akka bahattuu fi faayidaa ishee akka kabachiifattuuf abbummaan ulaa galaanaa murteessaadha.
Ministirri muummee Dr, Abiyyi Ahimad kaleessa gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irraa ka'eef deebii yoo kennanis, gaaffiin abbaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa karaa nagaa, marii fi bu'uura kennanii fudhachuu irratti kan hundaa'e ta'uu irra deddeebiin ibsaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan barbaaddu warra kaan miidhuuf yookaan saamuuf osoo hin taane waliin guddachuuf ta'uus dubbataniiru.
Itiyoophiyaan mootummaa Eertiraa waliin dameewwan misoomaa garaagaraatiin waliin hojjechuuf carraaqqii olaanaa taasisuu ishee ibsaniiru. Keessattuu yaadni sarara elektirikii baasii Itiyoophiyaatiin galchuu, akkasumas daandii fi buufata doonii ijaaruu dhiyaatus deebiin gaariin argamuu dhabuu isaa eeraniiru.
Itiyoophiyaan hojiiwwan misoomaa walootiif yaada, maallaqaa fi humna kan gumaachitu ta'uu ibsuun; kanaan alatti Eertiraa irratti weerara raawwachuuf karoora akka hin qabnee fi dhimmi kun karaa nagaa fi mariitiin kan furamu ta'uu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan barbaaddu warra kaan miidhuuf yookaan saamuuf osoo hin taane, muuxannoo Joordaan Sa'uudii Arabiyaa waliin, Iraaq akkasumas Poolaand Waraana Addunyaa Lammaffaa booda argatan karaa nagaa fi seera qabeessa ta'een hojiirra oolchuudhaan waliin guddachuuf ta'uu ibsaniiru.
Fedhiin ulaa galaanaa nageenya, dinagdee fi tarsiimoo dhaloota dhufuu mirkaneessuu akka ta'etti fudhatama. Fedhii kana dhugoomsuuf tattaaffiin taasifamu tasgabbii naannoo kan eegsisu, birmadummaa biyyoota ollaa kan kabajuu fi karaa dippilomaasii misooma waliinii irratti hundaa'een hoogganamuun isaa nageenya waaraa Gaanfa Afrikaatiif gahee murteessaa qabaata.