Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoonni labsii Gubaa Itiyoophiyaa birmadummaa diinagdee ishee mirkaneessuun qaroomina haaraa bocuuf dandeettii guddaa qabu - Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa

Sadaasa 18/2019 (ENA): Pirojektoonni labsii Gubaa Itiyoophiyaa birmadummaa diinagdee ishee mirkaneessuun qaroomina haaraa bocuuf dandeettii guddaa qabu jedhan Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) yaa’ii idilee 4ffaa waggaa 1ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irratti argamuun gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasaniif ibsaafi deebii kennaniiru.

Ministirri Muummee ibsa kennaniin, dhaadannoo “Biyya Guddaa, Ummata Guddoo, Mul’ata Guddaa” jedhuun hojjetamaa kan jiran pirojektoonni labsii Gubaa pirojektoota misoomaa gurguddaa dandeettii Itiyoophiyaa agarsiisanii fi fedhii misoomaa ishee guutan ta’uu ibsaniiru.

Pirojektoonni gurguddoon kunneenis Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, Gaasii Uumamaa Ogaaden, misooma mana jireenyaa miiliyoona 1.5, humna niwukilaraa fi ijaarsa Warshaa Xaa’oo Biyyee Godee kan dabalatudha.

Naannoo Somaaleetti Pirojektiin Gaazii Uumamaa Ogaaden warshaalee seraamiksii biyya keessaa fi otoobisoota magaalaa Finfinnee, madda anniisaa ta’ee tajaajilaa jiraachuu ibsaniiru.

Akkasumas Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu gargaarsa hubannoo namtolchee ammayyaatiin ijaaramaa jiraachuu fi filannoo iddoo jalqabaa xumuramuu fi caalbaasiin ijaarsa daandii balalii kanaa adeemsifamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Warshaan Xaa’oo Biyyee Godee mana jireenyaa hojjettootaa gara kuma 18 dabalatee to’annoo dhiyeenyaan kan ijaaramaa jiru ta’uu fi akkaataa sagantaa misooma mana jireenyaa miiliyoona 1.5 kan dandeettii lammiileen kaffaltii humna isaanii madaalu kaffaluun argatan hojiin isaa bifa ammayyaan hojjetamaa akka jirus eeraniiru.

Dhimma kanarratti yaada isaanii ENA’f kan kennan miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka jedhanitti, pirojektoonni labsii Gubaa Ityoophiyaaf fayyadamummaa waliigalaa lammiilee ishee guddisuun dandeettii guddina olaanaa qabaachuu ishee ibsa jedhani.

Miseensota mana marichaa keessaa aadde Addis Alamaayyoo akka himanitti, pirojektoonni gurguddaan kun yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa raawwii gaarii irra gahuun mul’ata Itiyoophiyaa fooyya’aa dhaloota dhufuuf dabarsee kennuuf ragaadha jedhan.


 

Miseensi mana maree kan biraa Aadde Abiyoot Dallalanyi gama isaaniitiin gahumsi ijaarsa guyyaa fi halkanii hojjechuu pirojektoonni kun duudhaa hojii seena qabeessa ta’ee fi dandeettii Itoophiyaan raawwachuu agarsiise ta’uu ibsani.


 

Miseensi Mana Maree obbo Saamson Wondimmeenee himanitti, mul’anni mootummaa Ida’amuu Itiyoophiyaa mallattoo badhaadhina Afrikaa taasisuuf qabu jalqabbii misoomaa tarsiimootiin cimsee ta’uu agarsiisa jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015