Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Jimmaatti Ji'oota Afran Darban keessatti Intarpiraayizoonni 700 ol gara hojiitti seenani

Sadaasa 18/2019 (ENA): Ji’oota afran darbanitti Intarpiraayizoota 702’f deeggarsa barbaachisu taasifamee fi gara hojiitti seenuu isaanii Waajjirri Intarpiraayizii fi Industirii magaalichaa beeksise.

Naannoo Oromiyaa keessatti dargaggoota gurmeessuu, bakka hojii mijeessuu, maashinii liiziin kennuu fi liqii kennuudhaan carraa hojii uumuu fi hoji dhabdummaa hir’isuun xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jiraachuu himameera.

Keessattuu gatii oomisha qonnaa guddisuu fi dhaabbilee horsiisa beeyladaa fi lukkuu irratti gurmaa’an deeggaruun walitti hidhamiinsa gabaa uumuun qaama tattaaffii misooma kanaati.

Godina kibba Lixa Oromiyaa magaalaa Jimmaatti gaggeessaan garee carraa hojii uumuu Waajjira Intarpiraayizii fi Industirii obbo Ashannaafii Girmaa ENAtti akka himanitti, bara baajataa kana hanga ammaatti intarpiraayizoota kanneen keessatti dargaggoonni 4,582 uumamuu isaanii ibsaniiru. Mootummaan bakka hojii fi liqii, akkasumas leenjii yeroo gabaabaa dameewwan birootiin akka kennan ibsaniiru. Itti dabaluunis intarpiraayizoonni hojii eegalan 702 industirii, horsiisa beeyladaa fi lukkuu fi dameewwan adda addaa birootiin kan gurmaa’an ta’uu ibsaniiru. Kanarraa kan ka’e waldaalee 212’f walitti hidhaminsi gabaa cimaan kan uumame yoo ta’u, kanneen hafan deeggaruuf hojjetamaa jira jedhan obbo Ashannaafiin.


 

Jiraattonni magaalaa Jimmaa Sitiinaa Huseen fi hiriyyoonni isaanii kanaan dura hojii dhabaa akka turan eeruun, deeggarsa bulchiinsa magaalichaa irraa argataniin bara kana hojii eegaluu dubatanaiiri.


 

Daldalli isheenii fi hiriyyoonni ishee garee namoota afuriin jalqaban kun namoota 15’f carraa hojii uumeera jette.

Dargaggoota warshaa kana keessatti carraa hojii argatan keessaa Ra’iis Xahiir fi Misraa Nagaash yoo ta’an, hojii dargaggoonni kunniin uuman warreen kaaniif abdii ta’uu eeranii, hojii hojjechaa jiraniin ofii fi maatii ofii gargaaraa jiraachuu dubbatan.


 

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015