Tamsaasa Kallatti:

Akkaataan Itiyoophiyaan weerara dhibee Marbargi yeroo gabaabaa keesstti itti to’atte Afriikaaf fakkeenya ta’a

Sadaasa 18/2019 (ENA)- Akkaataan Itiyoophiyaan weerara dhibee Marbargi yeroo gabaabaa keesstti itti to’atte ardii Afriikaa fi biyyoota biroofis fakkeenya ta’uusaa ogeeyyonni yaa’ii fayyaa hawaasaa afriikaa idil addunyaa (CPHIA 2026) 5ffaa irratti hirmaatan ibsan.

Yaa’iin fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunyaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad banan mata duree “nageenyaa fi birmadummaa fayyaa Afriikaa, cehumsa maxxantummaa fi saaxilamummaa gara abbummaa fi cichoominaatti taasifamu” jedhuun wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti kan hirmaatan lammiin biyya Ispeen doktar Maariiyaa Neeyiraa ENA’f akka ibsanitti, akkaataan Itiyoophiyaan weerara dhibee Marbargi itti to’atte ifoomina kan qabuu fi biyyoota biroottis hojiirra kan qabu muuxannoo guddaadha.

Keessumaa odeeffannoo wal jijjiiruun dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) waliin raawwatame,  deebii saffisaa kennuu fi weeraricha yeroo gabaabaa keessatti to’achuuf dandeettiin agarsiifame dinqisiifannaa guddaa kan malu ta’uu ibsaniiru.

Yunivarsiitii Naamiibiyaa irraa kan dhufte Kileedulaa Jaakoob gamasheetiin, weerara kana ji’a sadii keessatti to’achuu danda’amuun milkaa’ina guddaa ta’uu ibsiteetti.

Afrikaanonni waliin ta’uun wal irraa barachuu qofa osoo hin taane, muuxannoowwan argaman hojii irra oolchuu akka qaban dubbatteetti.

Hirmaattuun Ministeera Fayyaa Naamiibiyaa Moniikaa Deensii akka jettetti, muuxannoon ijoo Afrikaanonni Itiyoophiyaa irraa fudhachuu qaban, weerara dhukkubaa dursanii adda baasuu fi namoota dhukkubsataa waliin tuttuqaa qaban hordofuun, dhukkubichi osoo hin babal’atiin to’achuudha.

Kana milkeessuufis, ardichi yeroo hunda waliin qindoominaan hojjechuu akka qabdu hubachiifteetti.

Yaa’ii tumsa Afriikaatti wiirtuu to’annoo fi ittisaa dhukkubootaa (Africa CDC) fi mootummaa Itiyoophiyaan qophaa’e kanarratti namoonni kuma 30 ol biyyoota 100 irraa walitti dhufan hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015