Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajataa kanatti biirrii biiliyoona 19 ol walitti qabe

Sadaasa 18/2019 (ENA) :Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajataa 2019 hanga ammaatti galii Birrii biiliyoona 19 ol walitti qabuu isaa Waajjirri Galiiwwan Magaalichaa beeksise.

Tarsiimoon Bulchiinsi Magaalaa Shaggar dandeettii galii keessoo isaa guddisuun baasii isaa ofumaan of danda’uu irratti kan xiyyeeffate ta’uu himameera.

Kaayyoo kana galmaan ga’uuf Waajjirri Galii magaalichaa bu’uura gibiraa babal’isuuf, sirna sassaabbii gibiraa dijitaalaa hojiirra oolchuuf, gibira kan dhoksa fi daldala seeraan alaa to’achuuf haaromsa hojiirra oolchaa tureera.


 

Haaluma kanaan Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajataa 2019 hanga ammaatti galii Birrii biiliyoona 19 ol walitti qabuu isaa waajjirri galii magaalichaa beeksiseera.

Akka itti gaafatamaan waajjirichaa, obbo Malkaamuu Abawu, ENA waliin turtii taasisaniin himanitti, Shaggar bara bajataa kana keessatti galii idilee, bulchiinsa magaalaa fi keessoo irraa waliigalatti Birrii biiliyoona 65 walitti qabuuf karoorfatee hojiitti galeera jedhani.

Bara bajataa kana keessatti hanga ammaatti hojii qindoominaan hojjetameen birrii biiliyoona 19 ol walitti qabamuu ibsaniiru.

Leenjiin hubannoo kaffaltoota gibiraa fi babal’inni itti fayyadama teeknooloojii milkaa’ina galmaa’eef gumaacha olaanaa taasiseera jedhan itti gaafatamaan kuni.


 

Gama biraatiin hojii hordoffii fi to’annoo qindoomina qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun daldaltoota hojii seeraan alaa irratti bobba’an 400 tokkoon tokkoon isaanii Birrii kuma 100 adabamaniiru jedhan.

Kana malees, daldaltoonni boba’aa seeraan alaa to’annoo jala ooluu fi qoratamaa akka jiran obbo Malkaamuun ibsaniiru.

Kutaa magaalottii adda addaa keessatti boba’aa seeraan ala kan daldalan irrattis hordoffiin qindoominaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, daldaltoota hojii seeraan alaa keessatti hirmaatan gara sirna seeraatti galchuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhani.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015