Tamsaasa Kallatti:

Qaroomina dhalootaa jabeessuuf kallattii imala waloo bocuunii fi ida'amnee imaluun murteessaadha

Sadaasa 18/2019 (ENA) – Qaroomina dhalootaa jabeessuuf kallattii imala waloo bocuunii fi ida'amnee imaluun murteessaa ta'uu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Manni Maree Bakka Bu'oota ummataa 7ffaan, ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti  walgahii idilee 4ffaa bara hojii waggaa 1ffaa gaggeesseera.

Yaa’ii idilee Kanaan pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee Fulbaana 26 bara 2019 wal gahii baniinsaa manneen maree bakka bu’oota ummataa fi mana maree federeeshiniif kan dhiheessan karoora mootummaa bara 2019 dhiheessan ka’umsa godhachuun gaaffilee fi yaada mana mareerraa gaafatamaniif ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad deebii fi ibsa kennaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kennaniin, yeroo jijjiiramni dhufe, hariiroo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa keessatti liqiiwwan yeroo dheeraa turanii fi kaappitaalli hawaasummaa haphachaa akka ture ibsaniiru.

Kana jijjiiruuf riifoormiiwwan gaggeeffaman irraa muuxannoo fi barnoota argaman walitti qabuun, mootummaa qofa osoo hin taane dhalootaa gara dhalootaatti ce'uun dhaloota dhufuuf bu'uura kaa'u, imala qaroominaa gaggeessuuf kan dandeessisu tarsiimoon qaroominaa ida'amuu guddichaa qophaa'uu ibsaniiru.

Tarsiimoon kun haala biyyi keenya keessa jirtu, qabeenya qabnuu fi dandeettii dilbii qabnu bal'inaan akka qoratu kan ibsan ministirri muummee, Afriikaas ta'e Itiyoophiyaan qabeenya guddaa qabaatanis lammiileen isaanii haala hiyyeessa itti ta’an jijjiiruun lammiilee dureessa taasisuun akka danda'amu irratti xiyyeeffatamuu dubbataniiru.

Dandeettii dilbii qabnu gara gurmuutti jijjiiruun, humna vektarii gaggeessuun gara humna biyyaalessaatti jijjiiruun akka barbaachisu, akkasumas kaappitaalli akkamitti akka argamuu fi akka bulu kan agarsiisu caasaa dinagdee fi sirni konvetjansii tarsiimicha keessa galuu isaa ibsaniiru.

Misooma fiduu qofti gahaa akka hin taane, misooma argame sana jabeessuu fi hoogganuun murteessaa ta'uu ibsanii, Waan fudhatan yeroo isaa eeganii dhaloota itti aanuuf dabarsuuf qophaa'uu fi akka itti gaafatamummaa imaanaa fudhataniitti hojjechuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Dhaabbilee, sirnootaa fi dandeettiilee ijaaran moodeelota 15 kaa'amuu isaanii kan ibsan ministirri muummee, bu'uurri wantoota hundaas ida'amuu ta'uu isaa fi tarsiimoon kun lammiin hundi sadarkaa amma  jirurraa gara sadarkaa ol'aanaatti akka ce'u gargaaruuf kan qophaa'e malee, dhimma herrega paartii tokkoo akka hin taane ibsaniiru.

Dhaloonni ammaa dhaloota ijaaraa deemaa baaxiirra taa’u akka ta’e ibsanii, mootummaan tokko wagga 25’f akka itti hin fufne beekamus kallattii imala waloo wagga 25, 50,75, 100 bocuun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015