Tamsaasa Kallatti:

Kabajaa fi seenaa Itoophiyaa eeguun itti fufsiisuun itti gaafatamummaa lammii hundaati – Ministira Muummee Abiy Ahimad (PhD)

Sadaasa 17/2019 (ENA): Kabajaa fi seenaa Itiyoophiyaa eeguun itti fufsiisuun itti gaafatamummaa lammii hundaa ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 7ffaan yaa’ii idilee 4ffaa bara hojii isaa waggaa 1ffaa bakka ministirri mummuu Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeessaa jira.

Walgahii idilee kana irratti miseensonni mana marichaa karoora mootummaa bara 2019 Pirezidaanti Taayyee Atsaqasillaasee Fulbaana 26, 2019 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshiniif dhiyeessan irratti hundaa’uun gaaffii fi yaada isaanii dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gaaffilee fi yaada dhiyaataniif deebiifi ibsa kennaniiru.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaan, Itoophiyaan biyya seenaan badhaatuu fi cimtuu ta’uu hubachiisuun, qormaataa fi rakkina gidduutti biyya ciminaan keessa darbitu ta’uu eeraniiru.

Itoophiyaan sababa gootota gatii kaffaluuf fedhii qabaniin cimtee akka turtes akeekanii,

itti gaafatamummaan dhaloota ammaa seenaa fi kabaja Itiyoophiyaa itti fufsiisuu akka ta’es dubbataniiru.

Itiyoophiyaan birmadummaa fi eenyummaa ishee eeggattee akka itti fuftu lammiileen Itoophiyaa hundi ga'ee isaanii akka ba'an dhaamaniiru.

 

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015