Tamsaasa Kallatti:

Baatii sadan darban daldala alergiirraa galiin doolaara biiliyoona 3 tuqa 1 argameera-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Sadaasa 17/2019 (ENA)- Baatii sadan darban daldala alergiirraa galiin doolaara biiliyoona 3 tuqa 1 argamuu Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad beeksisan.


Manni maree bakka bu’oota ummataa 7ffaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti wal gahii idilee 4ffaa bara hojii wagga 1ffaa gaggeessaa jira.


Yaa’ii idilee Kanaan pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee Fulbaana 26 2019 wal gahii baniinsaa manneen maree bakka bu’oota ummataa fi mana maree federeeshiniif kandhiheessan karoora mootummaa bara 2019 dhiheessan ka’umsa godhachuun mieensonni mana maree gaaffilee fi yaada isaanii dhiheessaniiru.


Ministirri muummee DR. Abiyyi Ahimad gaaffilee fi yaada kaafamaniid deebii fi ibsa kennaa jiru.


Ministirri muummee daldala alergii ilaalchisuun ibsa kennaniin, baatii sadan darban daldala alergiirraa galiin Doolaara biiliyoona 3 tuqaa 1 argamuu ibsaniiru.


Galiin kun kan bardheengaddaan yeroo wal fakkaataa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbantaa 25 guddachuu ibsaniiru.


Galiin baatii sadiitti argame kun waggota riifoormii biyyaalessaan dura waliin yoo wal biratti ilaalamu galii alergii wagga tokkoo waliin Kan wal madaalu ta’uu ibsaniiru.


Haalli kun Itiyoophiyaan humna guddaa osoo qabduu hanqina hojmaataatiin qabamtee akka turte kan agarsiisu ta’uu ministirri muummee dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015