Tamsaasa Kallatti:

Dandeettiin Itoophiyaan taateewwan idil-addunyaa keessummeessuu haalaan dabaleera - Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Sadaasa 17/2019 (ENA): Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dandeettiin Itiyoophiyaan taateewwan idil-addunyaa keessummeessuu haalaan dabaluu beeksisan.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 7ffaan yaa’ii idilee 4ffaa bara hojii 1ffaa bakka MM Abiyyi Ahimad (PhD) aragamanitti gaggeessaa jira.

Walgahii idilee kana irratti miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa karoora mootummaa bara 2019 walga’ii baniinsa manneen mare waloo Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii Fulbaana 26, 2019 gaggeeffame bu’uura godhachuun gaaffilee fi yaada dhiyaassaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gaaffilee fi yaada dhiyaataniif deebii fi ibsa kennaa jiru.

Ministirri Muummee ibsa kennaniin, Itiyoophiyaan qabeenya tuurizimii qabdutti fayyadamuudhaan fayyadamummaa diinagdee ishee guddisuuf hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Waggoota darban keessa mootummaan damichaaf xiyyeeffannoo kennuun, bu’uuraaleen tuuriizimii hedduun ijaaramuu isaaniis hubachiisaniiru.

Hojii damee turizimii keessatti hojjetameen bu’aan qabatamaan argamuu himaniiru.

Kanneen keessaa tokko Itoophiyaan biyya konfiraansii idil-addunyaa hedduun itti gaggeeffamu ta’aa jiraachuu eeraniiru.

Yaa’ii Fayyaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurrattis bakka bu’oonni gara kuma 35 ta’an hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.

Kanuma waliin dandeettiin konfiraansii idil-addunyaa adda addaa keessummeessuu ijaaramuu eeraniiru.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015