Tamsaasa Kallatti:

Gaaffilee fi yaadawwan Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhiyeessaa jiran

Sadaasa 17/2019 (ENA) : Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Yaa’ii Idilee 4ffaa bara hojii 1ffaa gaggeessaa jira.

1.Mootummaan Eertiriyaa erga hundaa’ee jalqabee imaammanni inni hordofaa jiru yaada diigumsaa qofa, dogoggora seenaarraa barachuu hindeendeenye, deebiin mootummaa maali?

Keessattuu ergamtoota keessaa fayyadamuun guddina diinagdee gufachiisuuf hojjetaa jira, tarkaanfiin fudhatamuu qabu maali dha?

2.Mootummaan olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiilee hojjetaa jiru ilaalchisee ibsa osoo kennamee

3.Mariin biyyaaleessaa Itiyoophiyaan gaggeessite waliigaltee waloo uumuuf boqonnaa haaraa baneera.

Yaadonni furmaata dhiyaatan hojiirra akka oolaniif qooda fudhattootaa fi mootumamarraa maaltu eegama?

4.Itiyoophiyaan badhaadhinaa hundagaleessa mirkaneessuuf fi bu’uura cimaarratti ijaaruuf, tarsiimoo guddaa 2050 bocuun hojiirra oolcha jirti,

Mul’ata tarsiimoo guddaa 2050 yaada keessa galchuun qaroomina biyyaalessaa karaa qindaawaa ta’een hojiira oolchuuf hojmaanni diriire maal fakkaataa? Qaamoolee hundarraa maaltu eegama?

5. Sirna taaksii ammayyeessuun hojimaata badaa to’achuuf hojiin jalqabame alseerummaa akka maqsuuf tarkaanfiin haaraa fudhatamaa jiru maali?

6. Fooyya’iinsi DdinagdeeGooroo taasifame jijjiiramni qabatamaan mul’isaa jiru maali? Qaala’iinsa gatii to’achuuf hojiin hojjetamaa jiru hoo maali?

7. Lakkoofsi Ummataafi Manaa guddina biyyaafi ramaddii bajataaf murteessaa waan ta’eef akka idilaa’uuf maaltu yaadame?

8. Rakkoo nageenyaa darbee darbee mudatu furuuf maaltu akeekame?

9. Haalli nageenyaa ammallee furmaata hin arganne kuni furmaanni isaa maali?

10. Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuuf tekinooloojiin ijaaruufi haala yeroo waliin deemuun yeroo kamillee diinni biyya keenya akka hin diiguuf hin yaalle maaltu hojjetamaa jira?

11. Ummanni Tigraay akkuma naannoolee biroo nagaan akka jiraatuuf qaamolee nageenya naannichaa booressan seeratti dhiyeessuu fi qaamolee seeraan ala so’aa turanii har’a kennatanii mootummaatti makaman jireenya idileetti deebisuuf maaltu hojjetamaa jira?

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015