Tamsaasa Kallatti:

Gaaffilee Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irraa dhiyaataa jiran

👉Koriidariin biyya keenyaa akka addunyaatti fakkeenya gaarii ta’eera haa ta’u malee Misooma Koriidarii magaalaa fi baadiyyaatti caalmaatti babal’isuuf karoorri mootummaa Ida’amuu maali?

-👉Raawwii Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu maalirra jira?

-👉Raawwiin Ijaarsa Warshaa Xaa’oo amma maalirra gaheera?

-👉Hanqina dhiyeessii manneen jireenyaa furuuf kutannoon akkasumas raawwiin mootummaa Ida’amuu maal fakkaata?

-👉Keessattu lammiileen gali gadi aanaa qaban sababa mana jireenyaan rakkoo hamaaf saaxilamaa jiru, mootummaan furmaata hammataa fi hirmaachisaa ta’e kennuuf maal hojjetaa jira?

.👉Galii fi bahii Mootummaa to’achuufi gochaa malaammaltummaa ittisuuf maaltu hojjetamaa jira?

.👉Gibira Ummanni kaffaluu to’achuu fi waliin dhahiinsa mul’atu Mootummaan akkamiin ilaala ?

.👉Akkaataa walitti qabiinsa galiirratti hojmaata badaa fi hanna mul’atu furuuf maaltu hojjetamaa jira?

.👉Waggoottan darban diinagdee biyyatti guddisuuf hojiileen hojjetaman jajjabeessaa ta’aniis ,fooyyeessii diinagdee gooroo hojiirra ooleen sharafa alaa hambisuu fi dandeettiin idaa kaffaluu Itiyoophiyaa maaliirra jira?

👉 alaa fi qalaa’iinsa jireenyaa hir’isuurratti yaadni Mootumman kennuu fi rakkicha waaraan furuuf maaltu yaadame ?

-👉Filannoon naannoo baroota filannoo 4’f walitti aansuun osoo hin gaggeeffamin hafuun sirriidhaa? Maalif xiyyeeffannoo dhabe?

-👉Lakkoofsi ummataa 3ffaan yoom gaggeeffama?

-👉 mirga namoomaa lammiilee Itiyoophiyaarratti qaamolee hidhataniin raawwatamaan mootummaan akkamitti ilaala? Kuni hanga yoomiitti itti fufa?

-👉Keessattuu ajjeechaa, saamichaa fi miidhaa qaamaa fi qabeenyaa naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi naannolee birootti lammiileerratti raawwatamuuf mootummaan tarkaanfii akkamii fudhataa jira gara fuula duraattihoo maal gochuu qaba osoo nuuf ibsitanii ?

-👉Bilisummaa Pireesii fi miidiyaa guddisuuf mootummaan tarkaanfiin fudhataa jiru maali?

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015