Tamsaasa Kallatti:

Manni maree bakka bu’oota ummataa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti har’a yaa’ii idilee ni gaggeessa

Sadaasa 17/2019 (ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa 7ffaan bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti har’a yaa’ii idilee 4ffaa bara hojii waggaa 1ffaa ni gaggeessa.

Yaa’ii idilee Kanaan pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee Fulbaana 26 bara 2019 wal gahii baniinsaa mana maree bakka bu’oota ummataa fi mana maree federeeshiniif kan dhiheessan karoora mootummaa bara 2019 ka’umsa godhachuun gaaffilee fi yaada mana mareerraa gaafatamaniif ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad deebii fi ibsa ni kennu.

Manni maree ejjennoo mootummaa dhaggeeffatee mooshinii deeggarsaa ni raggaasa jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015