Qananiisaa Baqqalaa Yaadannoo Miila milkii, seenaa fiigicha dheeraa jijjiiran Seenaa gabaaba - ENA Afaan Oromoo
Qananiisaa Baqqalaa Yaadannoo Miila milkii, seenaa fiigicha dheeraa jijjiiran Seenaa gabaaba
Naannoo Oromiyaa keessaa bakkeen madda Atileetota hedduu eessa? Gaaffii jedhu deebisuuf itti yaaduu waan barbaachisu nutti hin fakkaatu. Atileetota bakka kanaa maddan eenyu fa’I beektu gaaffii jedhus tarreessuun ulfaataa miti. Kana erga jennee booda mee gara dhimma kaaneefitti yoo deebinu. Bakkisaa godina kibba baha Oromiyaa aanaa Boqojjii warri jettan hundi keessanuu sirrii jettan. Atileetota achirraa maddan keessaa--- jettanii warra tarreessitan keessaa har’a atileetii addunyaarratti irra dddeebi’uun meedaaliyaa warqee mo’ate, riikardii fiigicha dheerina meetira 5,000 fi 10,000 ammallee of harkaa qabu seenaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa isin biraan geenya.
Atileet Qananiisaa Baqqalaa atileetii fiigicha dheeraa Addunyaan isa beektu fi Itiyoophiyaan itti boontudha. Seenaa gabaabaa fi injifannoo isaa gurguddoo kunoo.
Dhaloota
Qaxaleen ilmaa keessumaa fiigicha meetira 5,000 fi 10,000 fi Maaraatooniin maqaa Itiyoophiyaa addunyaarratti waamsise atileet Qananiisaan Waxabajii 13 bara 1982 godina kibba baha Oromiyaa aanaa Arsii Boqojjiitti maatii qonnaan bulaarraa akka dhalate odeeffannoowwan garagaraa raga bahu.
Fedhii ijoollummaa
Qananiisaa Baqqalaan ijoollummaasaatti gara fuulduraatti doktara, barsiisaa ykn hojjetaa mootummaa ta'uu hawwa ture malee atileetii ta'uuf karoora hin qabu ture. Ispoortiis taanaan fedhiinsaa jalqaba kubbaa miilaa taphachuu ture.
Yeroo barataa ture fageenya dheeraa miilaan deemee mana barumsaa dhaquun isaa gara ispoortii fiigichaatti akka galu ka’umsa ta’eef. Kana malees deeggarsa barsiisaa ispoortii mana barumsaa isaatii fi injifannoo atileetota akka Daraartuu Tulluu fi Haayilee Gabrasillaasee irraa onnatee gara ispoortii fiigichaatti akka seene odeeffannoowwan ni mirkaneessu.
Barsiisaan ispoortii mana barumsaa inni keessatti baratuu dandeettii fiigichaa Qananiisaan qabu hubatee kubbaa miilaa cinaatti fiigicha irratti akka xiyyeeffatu isa jajjabeessaa ture. Injifannoo Daraartuu Tulluu, Hayilee Gabrasillaasee fi Faaxumaa Roobaa addunyaarratti galmeessisan ammoo kaka’umsa guddaa keessasaatti uume.
Gara dorgommiitti seenuu
Fedhiin Qananiisaan ispoortii fiigichaaf qabu dabalaa dhufe. Kophee fiigichaallee osoo hin qabaatiin miila duwwaa shaakalaa fi dorgommiiwwan naannoo irratti hirmaachuu eegale. Injifannoowwan dorgommii kanneenirratti argateen yeroo jalqabaaf bara 1999 maatiin isaallee dorgommiirratti akka hirmaatu osoo hin beekiin dorgommii qaxxaamura biyyaa Finfinnee Jaan Meedaatti Oromiyaa bakka bu'ee injifachuusaa ollaatu oduuu irraa dhaga’ee maatiitti hime.
Gara Kilabiitti makamuu
Milkaa'ina dorgommii naannoo fi dargaggootaa bara 1998-1999 irratti agarsiiseen leenjisaan beekamaan Tolasaa Qottuu isa filachuun gara kilabii Warshaa Simintoo Mugaritti akka makamu taasise. Sana booda bara 1999 fi 2000 dorgommiiwwan addunyaa irratti meedaaliyaa meetii argachuun seenaa injifannoo addunyaa isaa eegale.
Injifannoo Gurguddoo fi Riikardii
Olompikii Ateensi bara 2004
Qananiisaa Baqqalaa dorgommii Olompikii Giriik, Ateensi bara 2004 gaggeeffamerratti irratti fiigicha meetira 10,000niin meedaaliyaa warqee, meetira 5,000niin ammoo meedaaliyaa meetii argateera. Sa’aatiin inni meetira 10,000 ittiin xumures daqiiqaa 27:05:10 ta'uun riikardii Olompikii haaraa yeroo sanaa ta’uun galmaa’eera. Dorgommii kanarratti atileetonni 10,625 gosoota ispoortii 28’n akka hirmaatan odeeffannoowwan ni mul’usu.
Olompikii Beejiingi bara 2008
Olompikii Beejiingi bara 2008 gaggeeffamerratti atileetonni 10,942 gosoota ispoortii 28’n hirmaataniiru. Qaxaleen ilmaa Qananiisaa Baqqalaa fiigicha meetira 10,000 fi 5,000niin dorgomtoota hunda of duubatti hambisuun tokkoffaa bahee Itiyoophiyaaf warqee lama maqaasaatiin galmeessiseera.
Olompikii Landan bara 2012
Atileet Qananiisaa Baqqalaan Olompikii Landan 2012 atileetonni 10,568, gosoota ispoortii 26’n hirmaatanirratti 4ffaa bahuun xumureera.
Olompikii Paariis bara 2024
Olompikiin Paariis bara 2024 Faransaayi, Paarisitti kan gaggeeffame yoo ta’u atileetonni 10,500 gosoota ispoortii 32’n dorgomaniiru. Atileet Qananiisaa wagga 12 booda dorgommii Maaraatooniirratti hirmaateera.
Atileet Qananiisaan dirree Olompikiirratti meedaaliyaa warqee 3 fi meetii 1 walumaa gala meedaaliyaa 4 biyyasaaf argamsiiseera.
Shaampiyoonaa Atileetikisii Addunyaa
Atileet Qananiisaa Baqqalaa dorgommii fi injifannoon inni addunyaarratti galmeesise dorgommii olompikiin qofaan kan daangeffame miti. Dorgommiiwwan shaampiyoonaa addunyaa meetira 10,000 bara 2003 haga 2009tti gaggeeffaman 4 irratti si'a afur walitti aansean mo'ateera. Akkasumas shaampiyoonaa addunyaa meetira 5,000 fi 10,000 mo’achuun seenaa hojjeteera. Shaampiyoonaa Addunyaarratti walumaa gala Meedaaliyaa warqee 5 fi nahaasaa 1 argateera.
Riikardii Addunyaa
Odeeffannoowwan garagaraa akka mirkaneessanitti atileet Qananiisaa Baqqalaa anga ammaatti riikardii addunyaa meetira 5,000 mana keessaa daqiiqaa 12:37.35niin xumuree riikoorsii akka of harkaa qabu ni beekama. Shaampiyoonaa Addunyaa irratti kilomeetira 12n si'a ja'a, kilomeetira 4’n si'a afur mo'ateera.
Gara Maaraatooniitti Ce'uu
Qananiisaa Baqqalaan Ebla 6, bara 2014 dorgommii Maaraatoonii Paaris irratti hirmaachuudhaan gara maaraatooniitti cehe. Dorgommii Paaris sa’aatii 2:05:04’n xumuruun tokkoffaa bahee riikardii dorgommichaa case. Odeeffannoowwan akka agarsiisanitti bara 2014 irraa egalee amma bara 2025tti maaraatoonii idil addunyaa 20 irratti hirmaateera. Kanneen keessaa 13 xumureera. Kanneen xumure keessaa maaraatoonii Paaris tokkoffaa, maaraatoonii Barliin al lama tokkoffaa bahuun Itiyoophiyaaf meedaaliyaa Warqee argamsiiseera.
Seenaa Qananiisaa irraa maal baranna?
Seenaa atileet Qananiisaarraa Cichoomina, kufanii ka’uu fi kaayyoo qabataniif amanamummaan hojjechuu baranna.
Qananiisaan haalli mijataan osoo hin jiraatiin shaakalli fiigichaa bakka dhalootasaa Boqojjiirraa eegale sadarkaa addunyaatti akka beekamuu fi Itiyoophiyaan akka beekamtu taasiseera. Milkaa’inni obsaan cichanii hojjechuurraa akka argamu seenaan atileet Qananiisaa Baqqalaa waan guddaa nu barsiisa.
Yeroo hedduu miidhama qaamaatiin dorgommii irraa fagaatus, abdii osoo hin kutatiin shaakalatti deebi'uun bara 2019 Maraatoonii Barliin sa'aatii 2:01:41tiin mo'ateera. Kufaatiin jiraatus bakka kufanii ka’anii kaayyoo ka’aniif galmaan gahuun akka danda’amu seenaa atileetii kanarraa argineerra.
Atileet Qananiisaa Baqqalaa adeemsa itti jirru keessatti umriin nu daangessuu akka hin qabne agarreerra. Atileetiin kun wagga 40 boodallee dargaggoota waliin dorgommiiwwan gurguddoo irratti hirmaachuun kutannoon jiraannaan umriin akka nama hin daangessine nu agarsiiseera.
Dargaggoonni biyya keenyaa cichoominaa fi cimina atileet Qananiisaa Baqqalaarraa waan guddaa barachuun akkuma isaa ofis biyyas addunyaarratti beeksisuuf kennaa keenya beeknee, cichoominaa fi obsaan haa hojjennu.
Qaxalee keenya atileet Qananiisaa Baqqalaa umrii dheeraa hawwinaaf!