Ispoortiin ibsituu aadaa, duudhaa fi eenyummaa ummata Oromoo keessaa aadaa isa tokko ta’uun ibsame - ENA Afaan Oromoo
Ispoortiin ibsituu aadaa, duudhaa fi eenyummaa ummata Oromoo keessaa aadaa isa tokko ta’uun ibsame
Sadaasa 16/2019(ENA)-Ispoortiin aadaa ibsituu aadaa Oromoo dhaloota sammuu fi qaamaan jabaatee sochii hawaas-dinagdee keessatti dammaqinaan hirmaatu horachuuf gumaacha olaanaa akka qabu itti Aanaa Kantiibaa fi qindeessaan kilaastara damee misooma Baadiyyaa Magaalichaa Obbo Mariid Dimmiruu ibsan.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Dorgommii Shaampiyoonaa Ispoortiiwwan Aadaaf i Feestivaala agarsiisaa aadaa marsaa 4ffaa kutaa Magaalaa Sabbataatti gaggeeffamaa ture Kutaan Magaalaa Furii Shaampiyoonaa walii galaa ta'uun har'a xumurameera.
Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Dorgommii Shaampiyoonaa Ispoortiiwwan Aadaafi Feestivaala agarsiisaa aadaa marsaa 4ffaa kutaa Magaalaa Sabbataatti gosoota Ispoortii 10n kutaalee magaalichaa 12 giddutti gaggeeffamaa turreera.
Itti Aanaa Kantiibaa fi qindeessaan kilaastara damee misooma Baadiyyaa Magaalichaa Obbo Mariid Dimmiruu Magaalaan Shaggar magaalaa eegeree, ammayyaa fi Wiirtuu siyaasa Oromoo akka taate ibsaniiru.
Magaalichatti aadaa, duudhaa, seenaa fi eenyummaa Ummata Oromoo dagaagsuu fi beeksisuun madda dinagdee fi turizimii taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Ispoortichi dhaloota sammuu fi qaamaan jabaatee sochii hawaas-dinagdee keessatti dammaqinaan hirmaataan horachuuf gumaacha olaanaa akka qabuus dubbataniiru.
Itti gaafatamtuu Waajjira Dhimmoota Gurmaa'insa Ummataa Magaalichaa aadee Liidiyaa Caalii, dorgommii Ispoortii aadaa fi feestiivaala aadaa gaggeeffameen Ispoorteessitoota ciccimoo Magaalaa Shaggar bakka bu'an akka filataman kaasaniiru.
Ispoorteessitootni filataman duudhaa, safuu fi naamuusa guddummaa Oromummaa calaqqisuun dorgommii sadarkaa naannoo Oromiyaatti taasifamu irratti hiraachuun maqaa Magaalaa Shaggar waamsisuuf of qopheessuu akka qaban aadde Liidiyaan hubachiisaaniiru.
Dorgommii Shaampiyoonaa Ispoortiiwwan Aadaa fi Feestivaala agarsiisaa aadaa marsaa 4ffaa gaggeeffamaa tureen Kutaa Magaalaa Furii 1ffaa bahuun Shaampiyoonaa walii galaa kan ta'e yoo ta'u; Kutaan Magaalaa Galaan Guddaa 2ffaa, Kutaan Magaalaa Galaan 3ffaa ta'uun badhaafamaa geebaa ta'uun waldorgommichi goolabameera.