Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan gaanfa Afriikaatti nagaa fi tasgabbii waaraa buusuuf kutannoo qabdi

Sadaasa 16/2019(ENA)- Itiyoophiyaan gaanfa Afriikaatti nagaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessuuf qajeeltoo tumsa naannoo, dippilomaasii fi fayyadama waloo irratti hundooftee cimtee hojjechaa akka jirtu ministeera dhimma alaatti itti gaafatamaan waajjiraa ambaasaaddar Addaam Tasfaayee ibsan.


Waltajjiin marii gaanfa Afriikaa shanaffaan mata duree “Gaanfa Afriikaatti naannummaa irra deebiin ilaaluu, wal amantaa tarsiimawaa, abbummaa naannummaa fi wal deeggarsa tumsarratti hundaa’e ijaaruu “jedhuun Finfinneetti eegalameera.


Hogganaan waajjira ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Addaam Tasfaayee wayita kana akka ibsanitti, biyyoonni naannichaa fedhii nagaa fi misoomaaf qaban dhugoomsuuf wal amantaa tarsiimawaa fi miira waliin hojjechuu cimsuu qabu.


Dhimmoota ji’oo siyaasaa fi dinagdee naannichaa ariifachiisaa ta’an irratti mari’achuuf hayyoonni, dippilomaatonnii fi qooda fudhattoota wal gahaniiru.


Yaaddoowwan daangaa cehanii fi nageenya galaanarraa carraaqqii biyya tokkoon qofa furuun akka hin danda’amne hubachiisanii, rasgabbii waaraaf tumsi naannoo fi walitti makamuun shoora guddaa akka qaban dubbataniiru.


Itiyoophiyaan qajeeltoo tumsaa kana qabatamaan agarsiisuuf bu’uraalee geejjibaa fi anniisaa irratti invastimantii guffaa gochaa akka jirtu eeraniiru.


Hammattoo IGAD, gamtaa Afriikaa fi dhaabbata mootummoota gamtoomanii jalatti dhimmoota nagaa fi tasgabbiirratti hirmaannaa dippilomaasii cimaa gochaa akka jirtu ibsaniiru.


Nageenyi galaana diimaa tasgabbii walii galaa naannichaa waliin kan walitti hidhatee fi nageenya biyyaalessaa Itiyoophiyaan kan gargar hin baane ta’uu eeranii, Itiyoophiyaan bulchiinsa dhimmoota nageenyaa naannichaa irratti shoora gaarii fi itti gaafatamummaa qabu bahachuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015