Tamsaasa Kallatti:

Aanaa Goobbaatti Oomisha Dammaa Toonii 567 Oomishuun Galiin Birrii Miliyoona 68 ol Argame

Sadaasa 16/2019(ENA)-Godina Kibba Baha Oromiyaa, Aanaa Goobbaatti inisheetiivii misooma dammaa babal’isuun oomisha dammaa toonii 567 galchuun galiin birria miliyoona 68 ol argamuu waajjirri qonnaa aanichaa beeksise.


Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Goobbaa Obbo Abbabaa Geetaachoo akka ibsanitti, inisheetiivii misooma dammaa babal’isuu fi oomishtummaa guddisuuf gaagurri ammayyaa kuma 16 fi 800 qonnaan bultootaaf raabsameera.


Hojii misooma dammaa gaggeeffameen oomisha dammaa toonii 710 argachuuf karoorfamee, hanga ammaatti toonii 567 oomishuun danda’ameera jedhaniiru.


Bu’aan hanga ammaatti argame milkaa’ina inisheetiivichaa kan agarsiisu ta’uu eeranii, karoora of-danda’uu bara kanaatiin oomishtummaa dammaa caalaatti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jechun ibsan.



Bara kana gaagura ammayyaa kuma 14 ol fayyadamuun oomisha dammaa toonii 614 argachuufi galii qarshii miliyoona 92.1 walitti qabuuf karoorfamuu obbo Abbabaan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015