Miidhaa dubartootaafi daa'imman irra gahu hanbisuuf, qindoomina qaamolee haqaafi hawaasa maraa gaafata - ENA Afaan Oromoo
Miidhaa dubartootaafi daa'imman irra gahu hanbisuuf, qindoomina qaamolee haqaafi hawaasa maraa gaafata
Sadaasa 16/2019(ENA): Miidhaa dubartootaarra gahu hambisuuf waggaa waggaadhaan guyyaan riibaanii adii addunyaa ni kabajama.Bara kanas Ayyaanni riibaanii adii akka addunyaatti yeroo 35ffaaf kan kabajamu yoo ta’u, akka Naannoofi Biyya keenyatti ammoo yeroo 21ffaaf kabajama.
Guyyaa har’aas sadarkaa Naannoo Oromioyaatti yeroo 21ffaa mata duree "Miidhamtootaaf haqa, warra yakka raawwateef gaafatamummaa dubartootaafi shamarraniif nageenya" jedhuun kabajamu sababeeffachuun miidhaa dubartootaarra gahu ittisuuf sosochiin guyyoota 16f turu eegalameera.
Sosochii guyyoota 16 turu sababeeffachuunis guyyaa har’aa qooda fudhattoota hirmaachisuun mariin paanaalii gaggeeffameera.Sagantaa kanarratti barreeffamni qorannoo Miidhaa Koorniyaa irra gahu ittiisuu irratti xiyyeeffatu dhiyaachuudhaan hirmaattotaan irratti mariin gaggeeffameera.
Biiroo Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Oromiyaatti Daarektarri Daarektoreetii Gahoominaafi Sosochii Dubartootaa Aadde Shawaaharag Simee kaayyoon sosochii kanaa qooda fudhattootaa garaa garaa waliin ta’uun hawaasa bal'aa biratti hubannoo uumun miidhaa qaqqabu hambisuuf ta’uu ibsaniiru.
Ayyaana riibaanii adii kabajamu sababeeffachuunis Miidhaa koorniyaa qaqqabu ittisuuf guyyoota 16 itti aananiif qindoomina qooda fudhattootaan sosochiin kan taasifamu ta’uus ibsameera.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links