Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan buufata galaanaa qabaachuun ishee guddina dinagdee fi tumsa naannootiif bu’uura dha – Hayyoota

Sadaasa 16/2019 (ENA): Galaana Diimaa fi daandiiwwan daldala idil-addunyaa waliin walitti dhufeenya seenaa bara dheeraa kan qabdu Itoophiyaan, misooma biyyaalessaa fi tumsa naannoo isheef qaqqabummaa buufata galaanaa amanamaa ta’e mirkaneessuun gahee bakka bu’aa hin qabne qabaachuu hayyoonni ENA waliin turtii taasisan himaniiru. Waggoota kurnan sadan darbaniif buufata galaanaan ala ta’uun ishee daldala al-ergii fi galtee akkasumas baasii loojistikii irratti dhiibbaa cimaa uumaa kan ture yoo ta’u, kunis baay’ina ummataa fi dinagdee saffisaan guddachaa jiruuf balaa tarsiimoo waan ta’eef, biyyattiin qajeelfama kennuu fi fudhachuu fi faayidaa waloo irratti hundaa’uun buufata galaanaa argachuun biyyoota ollaa waliin walitti hidhaminsa naannoo fi badhaadhina waloo guddisuuf carraaqqii bal’aa taasisaa jirti.


 

Yunivarsiitii Jimmaatti Barsiisaa fi Qorataan Bulchiinsa Seenaa fi Hambaalee Gargaaraa Piroofeesar Yunaas Seefuu akka jedhanitti, hariiroon seenaa Itoophiyaan Galaana Diimaa, Galoo Galaana Aden, Galaana Hindii fi Meditiraaniyaanii waliin qabdu ajandaa siyaasaa ammayyaa bira darbee wiirtuu daldala durii turuu ishee agarsiisa. Dogongorri seenaa raawwatame filannoowwan buufata galaanaa Itoophiyaa daangessus, yeroo ammaa filannoowwan nagaa fi dippilomaasii qajeelfama ijoo taasisuun, dhaabbilee idil-addunyaa fi ardiilee hirmaachisuun bu’uuraalee daangaa qaxxaamuraa babal’isuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.


 

Yunivarsiitii Bulee Horaatti barsiisaa saayinsii siyaasaa fi hariiroo alaa kan ta’an Iddoosaa Dagafaa gama isaaniin, buufata galaanaa dhabuun baasii loojistikii fi geejjibaa olaanaa baasisuun gatii meeshaalee dabalaa fi dhiibbaa jireenyaa dabalataa lammiilee irratti uumaa jiraachuu ibsaniiru. Qaqqabummaa buufata galaanaa mirkaneessuun dinagdee Itoophiyaaf qofa osoo hin taane nageenya waloo fi walitti hidhaminsa diinagdee naannichaaf akka gumaachu eeruun, ga’ee nageenyaa fi dippilomaasii biyyattiin gaanfa Afrikaatti qabdu fayyadamtee nageenya galaanaa cimsuu fi shororkeessummaa fi sochii seeraan alaa ittisuuf akka gargaaru, akkasumas dhimmi kun marii karaa nagaa fi faayidaa waloo fi fedhii biyyoota ollaa tilmaama keessa galchuun furmaata argachuu akka qabu himaniiru.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015