Inishiyeetiiviin Misooma Ruuzii Oromiyaa fayyadamummaa diinagdee qonnaan bultootaa dabalaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Inishiyeetiiviin Misooma Ruuzii Oromiyaa fayyadamummaa diinagdee qonnaan bultootaa dabalaa jira.
Sadaasa 16/2019 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti guddina dinqisiisaa galmeessisaa kan jiru Inishiyeetiiviin Misooma Ruuzii, oomisha biyya alaatii galfamu oomisha biyya keessaatiin bakka buusuu qofa osoo hin taane, fayyadamummaa dinagdee qonnaan bultootaas dabalaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise.
Itoophiyaan ruuzii biyya alaatii galchuun shara alaa hedduu baasaa turte. Garuu wayita ammaa biyya keessatti omishuun baasii sharafa alaa hir’isuu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf Naannoon Oromiyaa lafa lalisaa fi qabeenya bishaanii jiru misoomaaf fayyadamuudhaan Inishiyeetiivii Misooma Ruuzii hojiirra oolchaa jira.
Oomisha aadaa ruuzii lafa heektaara muraasa irratti babal’isuun galteewwan ammayyaa fayyadamuun naannicha gara wiirtuu oomisha ruuziitti jijjiiruuf kan kaayyeffate jalqabbii kun yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama qabatamaa fidaa jira.
Omishni ruuzii wabii nyaataa naannichaa mirkaneessuu bira darbee, qonnaan bultoonni hojii midhaan galii irraa argatan akka omishan taasiseera jedhan Hogganaan Kominikeeshinii Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Indaashaawuu Jamaanee.
Naannoon kun sirna haala qilleensaa mijaa’aa misooma ruuzii qabaatus, xiyyeeffannoon kennamuufii dhabuu irraa kan ka’e, hanga bara omishaa bara 2013/14tti lafti misoome heektaara kuma 16 akka hin caallee eeruun, kanarraas oomishni kuntaala kuma 805 qofa akka argame yaadachiisaniiru.
Haa ta’u malee, mootummaan naannichaa yeroo ammaa kana naannoowwan bu’a qabeessa ta’anii fi misooma ruuziitiif mijatoo ta’an adda baasuun inisheetivii kana hojiirra oolchaa akka jiru ibsaniiru.
Keessattuu Godinaalee Lixaa fi Kibba Lixa Oromiyaatti misoomni ruuzii babal’achaa akka jirus eeraniiru.
Naannichatti oomishaa fi oomishtummaa ruuzii guddisuuf galteewwan argaman fooyyessuu fi fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuu bira darbee leenjiin hubannoo uumuu, deeggarsa ogummaa fi hordoffiin gaggeeffameera jedhan.
Bara oomishaa 2017/18tti naannichatti misoomni ruuzii lafa heektaara miiliyoona 1.2 irraatti misoome ruuzii kuntaala miiliyoona 63 argamuu eeraniiru.
Bara kana lafa heektaara miiliyoona 1.5 misoome keessaa hanga ammaatti ruuziin heektaara kuma 544 fi 607 irraa sassaabamuu ibsaniiru.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links