Tamsaasa Kallatti:

Raayyaa Ittisa Biyyaa: Gaachana Ummataa fi Birmadummaa

Seenaan bilisummaa, birmadummaa fi gootummaa Itiyoophiyaa achii as dhufaarraa kan barreeffamedha. Seenaa kana keessatti barootaaf ga'ee adda duree kan baha ture Raayyaa Ittisa Biyyaati. Kanaafi Raayyaan Ittisa Biyyaa dhuguma eegduu biyyaa jedhamee kan waamamu. Raayyaan ittisaa itti gaafatamummaa gootummaa dhalootaa gara dhalootaatti darbaa dhufe itti fufsiisuun, weerartoota alaa fi gantoota keessaa qolachuun, daangaa Itiyoophiyaa kabachiisuu akkasumas yeroo nagaa immoo ummata bira dhaabbachuun seenaa keessati kabaja gonfateera.


Itiyoophiyaan seenaa ishii bara dheeraa keessatti weeraroota alaa fi qormaatilee hedduu dandamattee kan dhaabbattedha. Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi gootonni durii lubbuu fi qaama isaanii utuu hin qusatiin aarsaa kaffaluun, humnoota alaa biyya jilbeeffachiisuuf ka'an qolachuun bilisummaa Itiyoophiyaa eegsisaniiru. Sochii gantoonni yeroo garaagaraatti diinota alaa wajjin walii galuun faayidaa fi kabaja biyyaa salphisuuf taasisanis Raayyaa Ittisa Biyyaatiin fashalaa'eera. Kana malees rayyaan kun daangaa biyattii halkanii guyyaa eeguun gaachana birmadummaa ta'ee har'a ga'ee jira.


Gootummaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa kan madaalamu dirree waraanaa irratti qofa osoo hin ta'in, yeroo ummanni rakkatuu fi balaan nam-tolchee mudatees ummataa waliin dhaabbachuun seenaa ajaa'ibaas kan qabudha. Lolaan, hongeen ykn taateewwan uumamaa biroo yeroo mudatan raayyaan kun hojii lubbuu baraaruu, deebisanii ijaaruu fi deeggarsa kennuu raawwachaa tureera.


Sababoota garaagaraan nageenyii fi tasgabbiin ummataa yeroo qoramu nagaa ummataa eegsisuu fi jireenyi guyyaa guyyaa akka itti fufu gochuuf adda durummaan hiriireera. Kuni hundi Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa uummataaf kan jiraatu ta'uu isaa kan agarsiisudha.


Injifannoowwan dinqisiisoo fi qabsoon birmadummaa kabachiisuuf Raayyaan Ittisa Biyyaa seenaa isaa keessatti galmeessise milkaa'aa kan godhe sababni guddaan hojmaata walooti. Keessattuu humni duula addaa akkasumas walitti hidhamiinsi Humna qilleensaa fi Humni Lafoo iddoo addaa kan kennamuuf utubaalee murteessoodha.


Kutaan Raayyaa Ittisa Biyyaa duula addaa mandhee diinota tarsiimawoo rukutuun, sararoota ajajaa fi dhiyeessii diinaa adda kutuu akkasumas bakkeewwan rakkisoo qulqulleessuu keessatti gahee murteessaa bahata. Humni Lafoo ammoo bu'uura jabaa adda waraanaa ta'ee yeroo socho'u, humni qilleensaa ammoo deeggarsa qilleensa irraa, odeeffannoo sakatta'insaa fi tarkaanfii haleellaa sirrii fudhachuun gaachana ummataa fi biyyaa ta'aniiru.


Raayyaan Ittisa Biyyaa daangaa biyyaarra darbee waltajjii addunyaa irrattis maqaa guddaa gonfateera. Ergamoota nageenya kabachiisuu Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa keessatti hirmaachuun biyyoota garaagaraa keessatti nagaa buusuu, lubbuu lammiilee baraaruu fi ytasgabbiin akka dhufu gumaacha olaanaa baheera. Hirmaannaan kun kutannoo Itiyoophiyaan nageenya addunyaatiif qabduu akkasumas naamusaa fi gahumsa raayyaa kanaa ifatti kan mul'isudha.


Yeroo dhihoottis Raayyaan Ittisa Biyyaa kaaba Itiyoophiyaatti gantoonni ergama alaa fudhachuun waraana biyya irratti banan qolachuun gootummaa fi eegduu birmadummaa ta'uu isaa ifatti agarsiiseera. Raayyaan kun qabsoo qindaa'aa fi kutannoo qabuun birmadummaa biyyaa fi tokkummaa ummataa kabachiisuun qormaatilee irra darbuu akka danda'u mirkaneessaa itti fufeera.


Seenaan gootummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa durii kaasee hanga har'aatti waadaa biyya eeguuf kennameef dhiigaan barreessaa jiraachuu agarsiisa. Kabajni Raayyaa Ittisa Biyyaa fuula seenaa duratti qabu yaadannoo kaleessaa qofa utuu hin ta'in ulfina har'aa fi abdii borii ta'ee itti fufa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015