Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan qaamonni Sudaan hundi haal duree tokko malee gara mariitti akka dhufan waamicha taasifti-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Sadaasa 15 /2019 (ENA)-Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, waraana Sunaan waggoora afura lakkoofsise dhaabsisuu fi furmaata waaraa fiduuf akeeke humnoota siyaasaa, loltummaa fi siviiliif waamicha nageenyaa ifatti dhiheessan.

Itiyoophiyaan lammiileen Sudaan fedhiisaaniin waltajjii marii hunda galeessa nageenya waaraa itti nidan keessummeessuu fi mijeessuuf qophii ta’uushee ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mirkaneessaniiru.

Ministirri muummee ergaa dabarsaniin, lammiileen Sudaan carraasaanii egeree kan ittiin murteessan waltajjii marii hunda galeessa qopheessuu fi gaggeessuuf Itiyoophiyaan qophii ta’uushee ibsaniiru.

Itiyoophiyaa fi Sudaan obbolimmaa daangaa cehe, walitti hidhaminsa hawaasummaa fi aadaa akkasumas hariiroo seena qabeessa walitti hidhaminsa dhalootaarra dhaabate akka qaban ibsaniiru.

Waraanni, manca’insii fi hiraarsi namoomaa Sudaan keessatti ta’aa jiru sammuu ummata Itiyoophiyaa kan tuqu ta’uu ministirri muummee ibsaniiru.

A.L.A bara 2023 erg waraanichi eegalee kaasee Itiyoophiyaan waraanicha dhaabsisuuf carraaqqii garagaraa gochaa turuushee yaadachiisaniiru.

Carraaqqiin kun waqtii cehumsaa A.L.A bara 2019 tureen siviilii fi qaamolee loltuu jidduutti walii galteerra akka gahamu shoora adda duree Itiyoophiyaan bahatteen kan itti fufe ta’uu eeraniiru.

Wayita sanatti waraanicha dhaabsisuu fi nageenya waaraa fiduuf, waltajjii mootummaan Itiyoophiyaa qopheessuu fi deeggaruun qaamolee loltuu, siyaasaa fi siviilii dabalatee qaamoleen Sudaan hundi akka hirmaatan waamichi dhihaachuu beeksisaniiru.

Kaayyoon nagaeenyaa kun ummata Sudaaniif nageenyi waaraan akka dhufu akkasumas Sudaan badiirraa baraaruuf ta’uu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan loogii tokko malee lammiileen Sudaan baasii fi dhiibbaa tokko malee garaagarummaasaanii walii galteen akka furan marii iftoomaa fi wal kabajuun keessatti mul’atu mijeessuuf qophii ta’uushee mirkaneessaniiru.

Galmi marii kanaa waraana dhaabsisuun lammiileen Sudaan hundi mo’ataa akka ta’an gochuuf ta’uu ibsaniiru.

Carraan egeree Sudaan lammiilee Sudaanii qofa kan murteeffamu ta’uu cimsanii kaasaniiru.

Haala Kanaan hawaasni idil addunyaa, biyyoonni michuu fi dhaabbileen naannoo gidiraa buqqaatotaa fi miidhamtootaa hambissuuf carraqqii namoomaa taasifaman akka cimsan Itiyoophiyaan ni gaafatti jedhaniiru.

Itiyoophiyaan milkaa’ina kaka’umsa nageenyaa kanaaf dandeettii dippilomaasii fi hariiroowwan idil addunyaa guutummaatti fayyadamuuf qophii ta’uushee mirkaneessaniiru.

Tasgabbiin Sudaan nageenya gaanfa Afriikaaf murteessaa ta’uu eeraniiru.

Qaamoleen Sudaan hundi biyyasaaniif dursa kennuun itti gaafatama fudhachuun waamicha kanaaf deebii gaarii akka deebisan Itiyoophiyaan abdii guutuu akka qabdu ministirri muummee ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015