Tamsaasa Kallatti:

Manni murtee waldhabdee Ispoortii furu Senegaal shaampiyoonaa waancaa Afriikaa taatee akka itti fuftu murteesse

Sadaasa15/2019(ENA)- Manni murtee waldhabdee Ispoortii keessatti uumamu karaa waliigalteen  furu Senegaal shaampiyoonaa waancaa Afriikaa taatee akka itti fuftu murteesseera.

Murteen kun kan kenname tapha xumuraa waancaa Afriikaa 35ffaa gaggeeffamerratti Senegaal Moorookoo mormuun dirree gadi lakkiftee erga baatee booda sa’aatii dabalataan kan  mo’atte konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afriikaa (Kaaf)injifannicha garagalchuun Moorookoof injifannoo galchii 3 fi 0 erga kennee booda waldhabdee ka’eenidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015