Imala Misooma Magaalota Itiyoophiyaa: Adeemsa ammayyummaa fi seenaa walitti hidhe - ENA Afaan Oromoo
Imala Misooma Magaalota Itiyoophiyaa: Adeemsa ammayyummaa fi seenaa walitti hidhe
Itiyoophiyaan biyyaa qaroomina, seenaa fi aadaa bara dheeraa qabdudha. Magaalonni ishees mallattoo fi giddu gala qaroominaati. Magaalota keessatti baroota dheeraaf hojiin misoomsuu fi deebisanii ijaaruu hojjetamaa hin turre. Waggoota muraasaa asitti garuu bifti magaalota Itiyoophiyaa saffisa ajaa'ibsiisaa ta'een jijjiiramaa jira.
Hojiiwwan misooma bu'uuraa fi misooma kooridarii magaalaa guddittii Finfinnee irraa kaasee hanga magaalota naannootti hojjetamaa jiran, magaalota Itiyoophiyaa jiraattotaaf mijatoo, daawwattoota addunyaa fi yaa'iiwwan gurguddoof immoo bakka ga'umsaa filatamoo taasisaa jiru.
Teessoo Gamtaa Afrikaa fi dhaabbilee idil-addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee boqonnaa jijjiiramaa haaraa keessatti argamti. Magaalattiin gama tokkoon ashaaraa seenaa ishee durii haaromsaa, gama biraatiin immoo pirojektoota ammayyaa sadarkaa idil-addunyaa guutan dhugoomsiteetti.
Finfinneen waggoota muraasa darban hojiiwwan magaalaa miidhagsuu, babal'ina hoteelaa fi bu'uuraalee misoomaa gaggeessiteen tuurizimii fi yaa’iwwaan idi-addunyaaf bakka ga'umsaa taate jirti. Waggoota dhihoo asitti qofa yaa'ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa waggaa waggaan gaggeeffamuun alatti, yaa'ii paartilee siyaasaa Afrikaa dabalatee yaa'iiwwan daldalaa, teeknooloojii fi jijjiirama qilleensaa ardii fi idil-addunyaa hedduu milkaa'inaan keessummeessiteetti.
Ijaaramuun wiirtuu Konveenshinii intarnaashinaalaa Addis fi golambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa, dandeettii magaalattiin yeroo tokkotti keessummoota kumaatamaan lakkaa'aman keessummeessuuf qabdu haalaan guddiseera. Yeroo amma kana Yaa'ii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa akkasumas Fooramii Misooma Daldalaa Afrikaa kaasuun ni danda'ama.
Kana malees Paarkiin Tokkummaa, hambaawwan seenaa Itiyoophiyaa, seenaa moototaa fi iddoo bashannanaa ammayyaa kan walitti hidhe hojii dinqisiisaadha. Paarkiin Inxooxxoo fi Paarkiin Michoomaa magaalattii bakka ga'umsaa tuurizimii magariisaa taa’uun alatti, keessummoonni addunyaarraa yaa'iif dhufan miidhaginaa magaalaa guddittii bakka itti dhandhaman iddoowwan ijoo ta'aniiru.
Hojiin misooma magaalota Itiyoophiya Finfinnee qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, magaalota biyyattii keessatti argamanis kan hammateedha. Hambaawwan seenaa kan akka Masaraa Mootummaa Abbaa Jifaar kan hammatte Jimmaan, hojiiwwan misooma kooridarii fi magaalaa miidhagsuu dhiheenya kana hojjetamaniin bifa ammayyaa gonfatteetti. Qarqara Haroo Xaanaatti kan argamtu Baahir Daar immoo daandiiwwan ishee bal'oo fi iddoowwan bashannanaa qarqara xaanaa ammayyeessuun, wiirtuu yaa'iiwwan gurguddoo biyyaalessaa fi ardii kan akka Fooramii Xaanaa ta'uu ishee caalaatti cimsiteetti.
Sulula Qiinxamaa keessatti kan argaman Hawaasaa, Adaamaa fi Bishooftuun, guddina ariifataa industirii, daldalaa fi bu'uuraalee misoomaatiin fakkeenya magaalummaa ammayyaa agarsiisuun alatti, rizoortiiwwan isaanii ammayyaa fi galmawwan walga'ii bakka ga'umsaa konfaransii filatamoo isaan taasiseera. Dabalataanis madda hambaawwan seenaa kan ta'an magaalan Harar fi magaalan Gondar hambaawwan isaanii durii of-eeggannoon eegaa fi haaromsaa, bu'uuraalee misoomaa magaalaa naannoo isaanii jiran ammayyeessuun seenaa fi ammayyummaa walitti qabanii qabataniiru.
Imalli misooma magaalota Itiyoophiyaa seenaa boonsaa dhaloota darbee saffisa hojii fi mul'ata ammayyaa dhaloota ammaa waliin kan walqunnamsiisedha. Magaalonni Itiyoophiyaa badhaadhina waliigalaa biyyattii kan calaqqisiisan, lammiileef bakka jireenyaa mijataa, addunyaaf immoo bakka ga'umsaa qaroominaa, miidhaginaa fi yaa'iiwwan gurguddoo idil-addunyaa adda duree ta'uun isaanii hin oolu.