Tamsaasa Kallatti:

Bakkeewwan roobni yeroo malee sodaachisutti midhaan sassaabiif gahe yeroo caamaatti walitti qabamuu qaba

Sadaasa 15 /2019 (ENA)- Bakkeewwan roobni yeroo malee sodaachisutti midhaan sassaabiif gahe yeroo caamaatti walitti qabuun akka barbaachisu inistiitiyuutiin miitiiyorooloojii Itiyoophiyaa hubachiise.

Inistiitiyuutichi raaga haala qilleensaa fi yaada furmaataa Novambar 21-30 fi Disambar 1-10/ 2026 jiru ifoomseera.


Waggoota 10 darban bakkeewwan bonni yeroo rooba yeroo lammataaf argatan kibbaa fi kibba bahaatti akkasumas kibba lixaa, Kaaba, Kaaba lixaa,jiddu galeessa, bahaa fi Kaaba bahaa Novambar 11 amma 20/2026tti duumessii fi roobni jiddu galeessarraa amma olaanaan galmaa’uusaa ibseera.

Keessumaa sa’aatii 24 keessatti bakkeewwan 23 rooba olaanaa galmeessisan keessaa Adoolaa mm.77.6, Bilaattee mm.59.4, Maayicawu mm.58.8 akkasumas Yaa’aballoo mm, 56.7 ni eeramu.



Haalli qilleensaa darbe dameewwan qonnaa fi bishaaniirratti miira wal makaa uumuusaa gabaasichi ifoomseera.

Ciidhi kun walakkeessa kibbaa, Booranaa fi Gujiitti midhaan facaafamanii fi marga loonii fi bishaan dhugaatiif akkasumas midhaan dheedhiif haala gaarii uumullee, bakkeewwan midhaan sassaabiif qaqqabe Kaaba, Kaaba bahaa fi jiddugaleessatti roobni yeroo malee amma tokko rakkoo uumeera.

Gama bishaaniitiin Oomoo Gibee, Baaroo Akooboo, Gannaalee Daawwaa, Sulula qinxaamaa, abbayyaa gara gubbaa fi jiddu galeessaa akkasumas sululli Takazee gara gubbaa bishaa lafarraa xiqqaarraa amma olaanaatti waan argataniif qabeenya bishaaniif gumaacha taasiseera.



Novambar 21 amma 30/2026tti kan jiru guyyoota Novambarii kudhan jiran kan guyyaa sadaffaa,bonni yeroo rooba lammaffaa itti argatan Boorana, Boorana Bahaa, Gujii Lixaa, Gujii, Baalee Bahaa, Sidaamaa  akkasumas Somaalee fi godinaaleen kibba Itiyoophiyaa gara kibbatti argaman rooba fooyya’aa akka argatan raagameera.



Kibba, Kibba bahaa fi kibba lixaatti darbee darbee kan roobu yoo ta’u, kibba lixaa, Kaaba lixaa, jiddu galeessa, bahaa fi Kaaba bahaatti xiqqaarraa amma jiddu galeessaatti roobni hin eegamne ni rooba.


Kana malees Jiddu galeessa, bahaa fi baddaa kibbaatti hoo’i halkanii fi gara barii xiqqaan darbee darbee digirii seelsheesii 5 gadi akka ta’u eerameera.


Dissambar 1 amma 10/2026tti bakkeewwan bonni yeroo rooba lammata itti argatan haalli roobaa kan itti fufuu fi kibba, kibba bahaa fi kibba lixaatti darbee darbee akka roobu beekameera.


Lixa, Kaaba lixaa fi Kaaba bahaatti roobni yeroo malee xiqqaan kan roobu yoo ta’u, jiddu galeessa, bahaa fi baddaa kibbaatti hoo’Iixiqqaan digirii seelsheesii 5 gadi ta’uun qorri halkanii fi barii darbee darbee akka cimu raagameera.

Qonna ilaalchisee yaada furmaataa kennameen keessaa, ciidhina argamu itti fayyadamuun bishaan roobaa kuusuu, marga loonii kunuunsuu, akkasumas baddaatti aramaa balleessuu fi midhaan dheedhii hordofanii guddisuun keessatti argamu.


Bakka roobni yeroo malee roobutti guyyaa caamaan oolu midhaan walitti qabuun tuuluu akkasumas dhibee waagii ittisuuf oyiruu hordofuun akka barbaachisu inistiitiyuutichi hubachiiseera.



Bishaan ilaalchisee Novambar 21 amma 30/3026tti sulula qinxaamaa, oomoo gibe fi baaroo akooboo gara gubbaatti bishaan lafarraa jiddu galeessarraa amma olaanaatti akka eegamu gabaasichi ibseera.

Haala Kanaan hidhawwanii fi bishaan laggeenii hordofuu, bishaan roobaa kuusuu, bo’oo dhangala’aan keessa darbu qulqulleessuu, akkasumas dhiqama biyyee, dalalii fi karaa dhangala’aan  keessa darbu akka hin cufamne dursuun to’achuun akka barbaachisu yaadni furmaataa dhihaateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015