Itiyoophiyaan dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhachuun biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya taateetti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhachuun biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya taateetti
Sadaasa 15/2019 (ENA): Itiyoophiyaan dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’e fudhachuun biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenya ta’uu hoggantoonni dhaabbilee ardii damichaa ibsaniiru.
Dameen fayyaa dameewwan misooma hawaasummaa mootummaan ida’amuun waggoota darban keessatti xiyyeeffannoo itti kenne keessaa isa tokkodha.
Haaluma kanaan riifoormii imaammataa, ijaarsa bu’uuraalee fayyaa, ijaarsa dandeettii ogeeyyiitiin tajaajila fayyaa haqa qabeessa ta’een akka argatu tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamaniiru.
Mootummaan Ida’amuu ijaarsa dhaabbilee fayyaatiin alattis bu’uuraalee misoomaa adda addaa hawaasni fayyaa isaa dursee akka eegu dandeessisan irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Pireezidaantiin Gamtaa Dhukkuboota Daddarboo Afrikaa fi Dura taa’aan Walta’iinsa Baha Afrikaa Piroofeesar Kaawushik Ramaayaa ENAtti akka himanitti, Itoophiyaan ittisaa fi to'annoo dhibee irratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjettee jirti jedhani.
Dandeettii ogeessota fayyaa ijaaruu, tajaajila fayyaa cimsuu fi dhukkuboota ittisuu fi to’achuu keessatti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjatame hojii fakkeenyummaa qabu biyyoota biroof bu’aa buusuu fi hordofuu qabu ta’uu himaniiru.
Akkasumas, mootummaan Itoophiyaa dhibeewwan daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuuf sababoota balaa dhukkubaaf nama saaxilan hir’isuun hojii bu’a qabeessa ta’e hojjetteetti jedhan.
Itoophiyaan sagantaalee ekisteenshinii fayyaa, tajaajila fayyaa sadarkaa duraa cimsuu fi faalama naannoo to’achuuf labsii fi dambiiwwan hojiirra oolchuun hojii fakkeenyummaa qabu hojjattee jirti jedhan.
Daarektarri Olaanaa Gamtaa Dhukkuboota Daddarboo Afrikaa Fardinandi Soniyuu akka himanitti, Itoophiyaan dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuu irratti hojii bu’a qabeessaa fi dinqisiisaa hojjettee jirti.
Itoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojii bu’a qabeessa fayyaa dhala namaaf fi egereef bu’uura kaa’u hojjechaa akka jirtus ibsaniiru.
Hojii gaggeessituun Tumsa Dhukkuboota Daddarboo hin taanee Itoophiyaa Maahlet Warquu dhibeewwan daddarboo hin taane kanaan dura xiyyeeffannoo gahaa akka hin argannee fi waggoota darban keessa damee kanarratti jijjiiramni mul’achaa akka jiru ibsaniiru.
Keessumaa misooma koridaraa fi pirojektoonni ashaaraa magariisaa akkaataa jireenyaa dhibeewwan dursanii ittisuu irratti kan xiyyeeffate uumuu keessatti gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links