Tamsaasa Kallatti:

Riifoormii dinagdee gooroo Itiyoophiyaan taasifte dorgomtummaa al-ergii qonnaa guddisaa jira

Sadaasa 15/2019 (ENA): Riifoormiin diinagdee gooroo biyya keessaa Itoophiyaan dorgomtummaa al-ergii qonnaa guddisaa jira jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Aadde Yaasmiin Wahaabrabbiin.

Konfiraansiin Idil-addunyaa Midhaan Dheedhii fi Midhaan Zayitaa 15ffaan mata duree “Daldala dandamataa fi sonaalee cancala Itti fufaa Qabu” jedhuun, Godahambaa Saayinsii Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Konfiransiin Ministeera Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannaawaa fi Waldaa Al-ergii midhaan dheedhii fi Zayitaa Itoophiyaatiin qophaa’e kun Sdaasa 15 hanga 16/2019tti guyyoota lamaaf kan turu ta’uu ibsameera.

Oomishtoonni, ergitoonni, bittoonni idil addunyaa, dhaabbileen Faayinaansii, hoggantoonni mootummaa olaanoon , Ambaasaaddaroonnii fi qooda fudhattoonni biroo 600 ol Konfiraansicharratti hirmaachaa jiru.

Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Yaasmiin Wahabirabbii baniinsa konfiraansichaa irratti akka ibsanitti,Bara baajataa darbe keessa Doolaarri Ameerikaa biiliyoona 11.2 al-ergii irraa argameera jedhani.

Galii waliigalaa al-ergii keessaa Oomishaalee dheedhii fi zayitaa alatti argamanirraa galiin Doolaarri Miiliyoonni 500 fi miiliyoonni 72.9 argamuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa himaniiru.

Kunis daldala galtee fi al-ergii Itoophiyaa, yaa’insa invastimantii kallattiin alaa fi dhimmoota kanaan walqabatan haala mijeessuuf bu’aa guddaa argamsiisuu isaa ibsaniiru.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015