Tamsaasa Kallatti:

Humni Qilleensaa dandeettii dhaabbilee ammayyaa ijaaruun milkaa'ina kallattii hedduu galmeessisaa jira - Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Sadaasa 15/2019 (ENA): Humni Qilleensaa Itoophiyaa ergama birmadummaa fi nageenya biyyattii eeguu bu’a qabeessa ta’een ba’uu bira darbee hojiiwwan misoomaa irratti dammaqinaan hirmaachuu fi badhaadhina waliigalaa hundaaf kutannoo qabu dammaqinaan agarsiisaa jiraachuu Hogganaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardasaa himan.

Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan Hundeeffama waggaa 91ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Sababeeffachuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa teeknooloojjii jabanaa hidhachuu fi humna namaa gahoomsuun haleellawwan biyya keenyaarratti yaalaman fashaleessuun seenaa hojjetaa jira jedhan.

Guyyaan hundeeffama waggaa 91ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa mata duree” Gaachana Samii Itiyoophiyaa Injifannoo fi Wareegaman Miidhage” jedhuun Sadaasa 21 fi 22 , 2019 kan kabajamuu ta’uu eeraniiru.

Sadaasa 20, 2019 Magaalaa Bishooftuutti fiigichi daandiirraa kiiloomeetira 10 Atileettoonni bebbeekamoon idil addunyaa irratti hirmaatan kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Fiigicha daandiirraa waggaa waggaan Magaalaa Bishooftuutti qopheessu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun, Tiishartiin kabajaa Letanaal Jeneraal Yilmaa  Mardaasaan eebbifamuun ibsameera.


 

Fiigicha kanarratti raayyaan ittisa biyyaa fi hawaasni naannoo akka hirmaatu hubachiisaniiru. Kutaaleen hawaasaa hundi naannoo adda addaa irraa walitti dhufanii waliin fiiguun ayyaana kana bifa ho’aa ta’een akka kabajan waamicha dhiyeessaniiru.

Dorgommii kanarratti miseensonni hawaasaa kuma 10 ol ni hirmaatu jedhan Hogganaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa Inistiraaktar Idil Addunyaa Shimallis Daawit.

Atileetotni 800 ol, akkasumas atileetotni gurguddoon Olompikii, shaampiyoonaa addunyaa fi dorgommii daandii irratti hirmaatanii injifannoo guddaa galmeessan dorgommii kana irratti akka hirmaatan akeekaniiru.

Badhaasa dorgommii kanaa ibsa kennaniin, atileetota koorniyaa lamaan (dhiiraa fi dubaraa) sadarkaa 1ffaa hanga 5ffaa ta’aniif badhaasni maallaqaa qophaa’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan atileetii koorniyaa lamaaniinuu sadarkaa tokkoffaa ba’uuf birrii kuma 500, atileet lammaffaa ba’eef birrii kuma 250, atileet sadarkaa sadaffaa ba’eef birrii kuma 150 qophaa’uu beeksisisaniiru.

Akkasumas leenjistoota atileetota sadarkaa tokkoffaa bahan kan leenjisan tokkoon tokkoon isaaniif badhaasni birrii kuma 100 qophaa’uu beeksisaniiru.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015