Itoophiyaa: Fakkeenya Fayyaa Hawaasaa Afrikaa! - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaa: Fakkeenya Fayyaa Hawaasaa Afrikaa!
Fayyaan hawaasaa bu’uura jireenyaa, guddina dinagdee fi tasgabbii hawaasummaa biyya tokkoo ti. Lammiileen fayya-buleeyyii fi humna oomishaa cimaa qaban yoo jiraatan, biyyi tokko rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee dandamachuun gara badhaadhinaatti saffisaan imalti. Gama kanaan, Itoophiyaan waggoottan dheeraaf tattaaffii cimaa taasifteetti; keessattuu bara jijjiiramaa asitti mootummaan Ida’amuu sirna fayyaa biyyattii bu’uura irraa haaromsuun, tajaajila fayyaa qulqulluu, haqa-qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’e uummata biraan gahuuf xiyyeeffannoo addaa kenneera. Yaa’iin Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaa (CPHIA 2026) teessoo dippiloomaasii Afrikaa kan taate magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuun isaa, carraaqqii fi jijjiirama damee fayyaa Itoophiyaatiif beekamtii guddaa kan kennuu fi ardii Afrikaaf moodeela ta’uu ishee kan mirkaneessudha.
Sababoonni ijoon Itoophiyaan damee fayyaa hawaasaatiin ardii Afrikaaf fakkeenya olaanaa akka taatu taasisan imaammata ittisaa irratti xiyyeeffate, hirmaannaa hawaasaa cimaa fi kutannoo hoggansa jijjiiramaa mootummaa Ida’amuuti. Mootummaan Ida’amuu damee fayyaa akka utubaa guddina dinagdee fi hawaasummaatti ilaaluun, baajata guddaa ramaduu fi bu’uuraalee misoomaa fayyaa babal’isuu irratti hojii bal’aa hojjeteera. Sagantaan Eksiteenshinii Fayyaa yeroo ammaa wajjin akka deemuutti haaromfamuun, ogeeyyiin fayyaa hawaasaa gandaa hanga maatii tokko tokkootti gadi bu’anii hubannoo uumuu, qulqullina naannoo eeguu fi dhukkuboota dursanii ittisuurratti hojii boonsaa hojjechaa jiru. Hirmaannaan hawaasaa kun tajaajilli fayyaa mana namootaa bira akka ga’u taasiseera.
Dabalataanis, oomisha qorichaa fi meeshaalee yaalaa biyya keessatti guddisuun warshaalee haaraa babal’isuu, akkasumas tajaajila fayyaa dijitaalaa fi teeknooloojii ammayyaa hojiirra oolchuun, Itoophiyaan of danda’uu fi sirna fayyaa ammayyaa ijaaruu irratti fakkeenya addaa ta’uu dandeesseetti.
Bu’aawwan qabatamoon gama fayyaatiin mootummaa Ida’amuutiin galmaa’an baay’ee olaanaa, mul’ataa fi jireenya lammiilee kallattiin kan jijjiiranidha. Lakkoofsi hospitaalotaa, buufataalee fayyaa fi keellaawwan fayyaa naannoo baadiyyaa fi magaalaatti dachaa hedduun dabaluun, fageenya lammiileen yaala argachuuf deeman haalaan gabaabseera. Gama biraatiin, du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuu irratti milkaa’inni seena-qabeessi argameera; kunis tajaajila da’umsaa hospitaalota keessatti babal’isuu, ambulaansota dhiyeessuu fi sagantaa talaallii daa’immanii bal’inaan cimsuun lubbuu haadholii fi daa’immanii hedduu baraaruun kan dhufedha. Akkasumas, Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa gandoota hunda keessatti babal’isuun lammiileen harka-qalleeyyiin sababa hanqina maallaqaatiin tajaajila yaalaa akka hin dhabne wabii cimaa uumeera. Kana qofa miti inshuraansiin fayyaa hawaasaa lammiileen kaffaltii waggaatti yeroo tokko qofa gatii madaalawaa kaffaluun yaaddoo tokko malee yaala akka argatan taasiseera. Yaalli isaan argatan kunis hanga sadarkaa olaanaa jechuun hanga hospitaalota gurguddoo biyyattiitti kan yaalamuu dandeessisudha. Kunis hawaasaaf boqonnaa sammuu olaanaa kennuun akka lammiileen hojii isaanii idilee irratti xiyyeeffatan taasisa. Gama biraatiin yaaddoon maallaqa hin qabu maaliinan yaalama kan jedhu hin jiru.
Dabalataanis, humna namaa baratee fi ispeeshaalistoota fayyaa baay’inaan horachuu, weerara dhukkuboota daddarboo to’achuu fi hospitaalota ispeeshaalaayizdii ammayyaa ijaaruun tajaajila yaalaa qulqullina olaanaa qabu kan duraan biyya alaa deemuun argamu biyya keessatti akka argamu taasiseera Mootummaan Ida’amuu.
Walumaagalatti, Yaa’iin Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaa (CPHIA 2026) Finfinneetti gaggeeffamuun isaa guddina, qulqullinaa fi jijjiirama damee fayyaa Itoophiyaatiif beekamtii guddaadha. Kunis Itoophiyaan damee fayyaa hawaasaatiin ardii Afrikaaf moodeela ta’uu ishee mirkaneesseera!
Milkaa’inni kun hundi bu’aa tarsiimoo ifaa, hirmaannaa uummataa cimaa fi kutannoo hoggansa mootummaa Ida’amuutiin kan argamedha. Jijjiiramni fayyaa kunis lammiilee fayya-buleessaa, sammuu qaraa fi oomishaa ta’an uumuun, imala Itoophiyaan gara badhaadhina waloo fi guddina waaraatti taasiftu daran kan si’eessu ta’ee itti fufa.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links