Tamsaasa Kallatti:

Manni maree bakka bu’oota ummataa Kamisa dhufu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iisaa idilee ni gaggeessa

Sadaasa 15/2019 (ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa 7ffaan Kamisa dhufu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iisaa idilee 4ffaa wagga 1ffaa ni gaggeessa.

Yaa’ii idilee Kanaan pirezidaantiin FDRI ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee Fulbaana 26 bara 2019 walgahii baninsa manneen maree bakka bu’oota ummataa fi federeeshinii irratti kan dhiheessan በkaroora mootummaa ka’umsa godhachuun gaaffilee fi yaada mana mareerraa dhihaataniif ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad deebii fi ibsa ni kennu.

Manni marichaa kanarratti hundaa’uun ejjennoo mootummaa dhaggeeffachuudhaan mooshinii deeggarsaa niraggaasa jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015