Afriikaan dhiheessii oomishaatiin dorgomaa fi bu’a qabeessa akka taatu sonada baluuf hojii hojjetamu guddisuu qabdi - ENA Afaan Oromoo
Afriikaan dhiheessii oomishaatiin dorgomaa fi bu’a qabeessa akka taatu sonada baluuf hojii hojjetamu guddisuu qabdi
Sadaasa 14 /2019 (ENA)- Afriikaan dhiheessii oomishaatiin dorgomaa fi bu’a qabeessa akka taatu sonada baluuf hojii hojjetamu guddisuu akka qabdu dura taa’aan boordii Treed maark Afriikaa obbo Hayilamaaram Dassaalenyi hubachiisan.
Foramiin misooma daldala Afriikaa tumsa ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo fi Treed maark Afriikaan qophaa’e Finfinneetti taa’amaa jira.
Afriikaan midhaan sona osoo itti hin dabaliin biyya alaatti erguun bu’a qabeessa ta’uu akka hin dandeenye obbo Hayilamaaram Dassaalenyi foramicharratti ibsaniiru.
Carraan dinagdee egeree Afriikaa ijaaramuu kan qabu dandeettii oomishuu cimaa, sona itti dabaluu fi caancala sonaa naannoo caalaatti dorgomaa ta’aniin irratti hundaa’uun ta’uu ibsaniiru.
Hojii raawwachiisaan olaanaa Treed maark Afriikaa Deevid Biir gamasaaniin, oomishaaleen Afriikaa gabaa addunyaarratti dorgomuu akka danda’an qulqullinarratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Kana gochuuf ammoo sirna sakatta’insa oomishaa amansiisaa, akirediiteeshinii fi beekamtii kennuurratti caalaa hojjetamuu qaba jedhaniiru.
Treed maark Afriikaan sirnoonni daldala dijitaalaa 100 caalan akka diriirfaman deeggarsa taasisuusaa yaadachiisanii, kun ta’uusaatti jijjiirama argineerra jedhan.