Tamsaasa Kallatti:

Yunivarsiitiin hubannoo namtolchee ida’amuu, haala fayyaa  ardichaa fooyyessuuf qorattoota Afriikaaf leenjii olaanaa fi qorannoof carraa ni uuma-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Sadaasa 14/2019 (ENA)- Yunivarsiitiin hubannoo namtolchee ida’amuu, haala fayyaa  ardichaa fooyyessuuf qorattoota Afriikaaf leenjii olaanaa fi qorannoof carraa akka uumu Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunyaa shanaffaa (CPHIA 2026) har’a wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti ifatti bananiiru.

Yaa’iin mata duree “nageenyaa fi birmadummaa fayyaa Afriikaa, gehumsa  maxxantummaa fi saaxilamummaa fayyaarraa gara abbummaa fi cichoominaatti taasifamu  “jedhuun gaggeeffamu kun amma Sadaasa 18 bara 2019tti ni tura.

Hoggantoonni biyyootaa, itti gaafatamtoonni olaanoo fi ogeeyyonni fayyaa hawaasaa fi keessummoonni afeeraman yaa’icharratti hirmaataa jiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ichi yoo banamu akka ibsanitti, wabii fayyaa jechuun namoonni wal’aansa yeroo dhukkubsatan qofa argatan osoo hin ta’iin, hojii dursanii ittisuu, bishaan qulqulluu, nyaata barbaachisuu fi naannawa nageenya daa’immaniif barbaachisu of keessaa kan qabudha.

Itiyoophiyaan sirna fayyaa biyyattii ammayyeessuun jijjiirama gddaa fiddeetti jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Inshuraansiin fayyaa babal’achuusaa fi kun qofti ga’aa akka hin taane ibsanii, dhaabbileen fayyaa ogeeyyota ga’aa, qorichaa, laaboraatorii, maallaqa qabaachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan qoricha ishee barbaachisu biyya keessatti oomishuuf humna horachaa jiraachuu ibsanii, wagga darbe dhaabbata fayyaa addunyaarraa badhaasa sadarkaa ciminaa sadaffaa qorichaa fi talaallii alarraa galanii (WHO Maturity Level 3) argachuushee beeksisaniiru.

Teeknooloojiin dijitaalaa ogeeyyonni bakka jiranitti osoo hin daangeffamiin beekumsa ogummaa fi deeggarsa argachuu akka danda’an qooda olaanaa akka qabaatu ministirri muummee ibsaniiru.

Hubannoo namtolcheen(AI) sirriitti qoratamee haala naannawaa waliin wal simee yemmuu itti hojjetamu ogeeyyota fayyaa deeggaruu akka danda’u eeraniiru.

Gamtaan Afriikaa hubannoo namtolchee Ardichaa fi misooma fayyaa dijitaalaa akka qindeessan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsanii, tarsiimoon dijitaalaa 2030 Itiyoophiyaa bu’ura kallattii knaa ta’uu dubbataniiru.

Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa dhaabbilee fayyaa Afriikaa waliin qorannoo waloo taasisuu akka danda’u eeranii, Yunivarsiitiin hubannoo namtolchee ida’amuu ammoo barattoota Afriikaanotaaf leenjii olaanaa fi carraa qorannoo akka uumu ibsaniiru.

Afriikaan fayyaa ilaalchisee tumsa taasiftu gara hojiitti ceesisuuf dhimmoota ijoo sadiif dursi kennamuu akka qabu ministirri muummee hubachiisaniiru.

Isaanis, kan jalqabaa wiirtuuwwan ga’ooma wal’aansaa banuu, kan lammataa Waloomaan bituun sirnoonni fayyaa biyyoota Afriikaa oomishtoota qorichaa fi oomisha fayyaaf gabaa amansiisaa uumuun dandeettii oomishaa guddisuu fi kan sadaffaa sirna dhiheessii cimsuun akka danda’amu fi bu’aa qabatamaaf itti gaafatamummaa mirkaneessuun tokkoon tokkoon waadaaf qama itti gaafatama fudhatu, madda faayinaansii fi yeroon madaallii guddinaa ifatti taa’uu akka qabu kan jedhanidha.

   

Kana malees deeggarsi deeggartoota misoomaa Afriikaaf kennaman Ardichatti dhimmoota dursi kennamuuf irratti akka bu’ureffatu, dhaabbilee fulla’aa akka cimsuu fi dandeettii ogummaa naannawaa karaa guddisuun wal jijjiirraan beekumsaa akka gaggeeffamu waamicha taasisaniiru.

Itiyoophiyaan waggaa dhufu yaa’ii COP32 Finfinneetti akka gaggeessitu hubachiisanii,, murtoon haala qilleensaa ragaa saayinsaawaa fi muuxannoo ogeessotaan akka deeggaraman hojjechuuf hirmaattota yaa’ichaa Finfinneetti afeeraniiru.

Dhumarrattis Afriikonni sadarkaa fayyaa ummatasaaniif hawwan qabatamaan gara argatanitti jijjiiruuf waliin hojjechuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015