Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Burundii fi dura taa’aa gamtaa Afriikaa Evaristi Nidayishiimiiye waliin mari’ataniiru - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Burundii fi dura taa’aa gamtaa Afriikaa Evaristi Nidayishiimiiye waliin mari’ataniiru
Sadaasa 14/2019(ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii CPHIA 2026 cinaatti Pirezidaantii Burundii fi dura taa’aa gamtaa Afriikaa Evaristi Nidayishiimiiye waliin mari’achuusaanii ibsan.
Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsanitti, mariilee Kanaan dura gaggeessinerratti bu’ureffachuun, mariin kun dhimmoota waloo dursi kenninuuf ilaaluuf, tumsa waloo bal’isuuf akkasumas ajandaawwan naannoo fi ardii keenya waloo gara qabatamaatti jijjiiruuf yaada akka wal jjjiirru carraa nuuf uumeera jedhaniiru.