Tamsaasa Kallatti:

Hidhi Haaromsaa Guddichi milkaa’ina boonsaa damee misooma humna elektirikii Itiyoophiyaa fi Afrikaati

Sadaasa 12/2019 (ENA) -Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa hojiin injinariingii ajaa’ibsiisaan kan itti mul’ate, akkasumas guddina dinagdee Itiyoophiyaa fi tumsa anniisaa naannawaaf bu’uura murteessaa ta’uu isaa Pirezidaantiin Mana Maree Hariiroo Alaa Ameerikaa (CFR) fi hogganaan garee ergamtootaa Maayikil Frooman ibsan.

Gareen jilaa kaawunsilichaa har’a Hidha Haaromsaa Guddicha daawwateera.

Maayikil Frooman daawwannaa isaanii ilaalchisee ibsa kennaniin, bal’inni, gahumsi fi barbaachisummaan pirojekticha dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru Itiyoophiyaanonni pirojekticha xumuruuf yeroo, maallaqaa fi dandeettii isaanii irraa invastimantii guddaa gochuun milkaa’ina biyya isaanii isa guddaa ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis, Afrikaatti dhiyeessii humna elektirikii amanamaa fi gatii madaalawaa qabu babal’isuun kallattii misoomaa murteessaa ta’uu ibsanii, ummata Ardii Afrikaa keessaa harki guddaan ammas tajaajila elektirikii amanamaa akka hin arganne eeruun.

Miseensi garee jilaa Maahesh K. Kooteechaa gamasaaniin, tattaaffii Itiyoophiyaan biyya keessaa fi naannichaaf dhiheessuuf taasifte dinqisiifataniiru.

Miseensa garee jilaa Miisheel Gaavin daawwannicha dinqisiifatanii, misoomni humna haaromfamaa bishaanirratti hundaa’e nageenya naannawaa fi lafaan barbaahisaa ta’uu dubbataniiru.

sochiin 'Power Africa' bara Pirezidaantii duraanii Ameerikaa Baarak Obaamaa jalqabamee, bulchiinsa Doonaald Tiraampi jalattis itti fufe, rakkoo dhiyeessii anniisaa ardichaa furuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Dhaqqabummaan elektirikii fedhii bu’uuraa hawaasaa guutuu qofa osoo hin taane, dandeettii misooma industirii Afrikaa guddisuufis murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Dabalataanis, biyyoonni ollaa humna elektirikii Itiyoophiyaan maddisiistu bitachuun fayyadamoo akka ta’an abdii qabaachuu ibsaniiru.

Hidhichi industiriiwwan ammayyaa, maatiiwwanii fi sochiiwwan dinagdee deeggaruuf humna elektirikii baay’ee maddisiisuu akka danda’u hubachuu isaanii cimsanii dubbataniiru.

.Miseensonni garee jilaa kaleessa Ministira Maallaqaa Dr. Fiqiruu Asaffaa fi Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takaalliny waliin mari’achuun isaanii ni yaadatama.

Mariisaanii keessatti carraawwan daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaa keessatti argaman, akkasumas hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015