Gaaffiin abbummaa Hulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu itti fayyadamaa waloo fi guddina naannichaaf murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin abbummaa Hulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu itti fayyadamaa waloo fi guddina naannichaaf murteessaadha
Sadaasa 12/2019(ENA)-Gaaffiin abbummaa Hulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu seera, fedhii guddina dinagdee fi dhiheessii teessuma lafaarratti kan hundaa’e itti fayyadamaa waloo naannoo kan mirkaneessu dhimma murteessaa ta’uu ministirri bishaanii fi inarjii duraanii Mootummaa Maqaasaa ibsan.
Hulaan galaanaa daldalaa fi faayidaa dinagdee qofa osoo hin taane, walitti hidhamiinsa idil-addunyaa, faayidaa waliinii, dhimma nageenyaa fi tasgabbii akkasumas faayidaalee biroo mirkaneessuun kan danda’amu bu’uura misoomaa murteessaa ta’uu isaa ni beekama.
Gaaffiin Hulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu, dhimma seenaa keessatti yaaddoo ta’ee ture gara injifannoo biyyaalessaatti ceesisuu danda’u waan ta’eef, furmaata isaa argachuuf tattaaffii hunda keenyaa gaafata.
Itiyoophiyaan Hulaa galaanaa waggoota dheeraaf naannoo ishee keessa kan ture faayidaa fi kabaja Hulaa galaanaa eegsiftee kan tuurte ta’ullee, waggoota soddomaa dura sababii ifatti hin beekamneen galaana irraa akka fagaatu taasifameera.
Itiyoophiyaan guddina dinagdee saffisaa galmeessaa jirtuu fi baay’ina ummataatiin Afrikaa keessatti sadarkaa lammaffaa irra kan jirtu taatee osoo jirtuu, galaana irraa fageenya gabaabaa irratti argamtee Hulaa galaanaa malee itti fufuun kan hin danda’amnee fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaati.
Biyyoonni naannichaa faayidaa waliinii mirkaneessuuf gaaffii Itiyoophiyaan abbaa Hulaa galaanaa ta’uuf itti jirtu deeggaruu akka qaban ibsaniiru.